Sagalicha Dhiigicha Hafuuricha

Header Image  

The Word the Blood the Spirit

    

 
 
 

 
 
Kan kana irra caalu maal? (Yoh.5:5-14)

“kunoo amma fayyiteetta. Kan kanarra caalu akka sittihin dhufnetti deebitee cubbuu hin hojjetin!” jedhe Gooftaan Yasuus.

Namichi seenan isaa kutaa kana keessatti ibsame kun waggaa 38tiif dhukkubsate. Kan isa dhukubu caalaattuu, namani kun, dhukkubsachiiftuu gaarii kan of biraa hin qabne ture. Nama jabaa tokko illee of biraa hin qabu. Amma bara jireenya isaa keessaa walakkaa ol kan ta’u sirree irratti gidiruun duraa dhumeera. Baroota kana hundaa keessa, jireenya qofummaa, jireenya dhukkubaa wajjinii fi jireenya guungummii jiraate. Yeroo inni bishaan raafamu keessa of boosuuf jedhu, nama biraatu dafee keessa seena. Namni nama kanaaf dabaree qabu, dabaree dabarsuuf, namni kan booda barbaachisaadha jedhee isaaf yaadu hin turre. Nama jiraachuun isaa hawaasaaf barbaachisaa ta’ee hin fakkaatu.

Jireenya akkasii keessa nama jiraatuun, kan kanarra caalu jira jechuun maal jechuudha? Tarii kan kanarra caalu maal ta’inna laata? Kan kanarra caalu isa jedhame kana immoo maaltu namarraan ga’a? Dhukkubichumaa?

Gooftaan Yasuus, “itti fuftee jireenya cubbuu hojjechuu jiraatta taanaan kan kanarra caalu sitti fiduu danda’a” jedheen. Kanaan egaa, “rakkina waggaa 38 guutuu dhukkubaa fi gatamuudhaan gidiruu irra kan caalu” wanti cubbuun namatti fidu jira yaada jedhu dubbachuu Isaati Gooftaan Yasuus. Kallattii (dimention) kamiin caala laata?

Barsiisa Macaafa Qulqulluu yeroo ilaallu, namni cubbamaan yoo cubbuu isaatiin du’e (qalbii otuu itti hin diddiiratin, araara Waaqayyoos otuu hin argatin jechuudha), gara “dhiphina bara baraa” akka inni dhaqu dubbata. Iddoo dhiphinaa kana Macaafni Qulqulluun, “Si’ol, Gahannam) jedhee waama. Iddoon kun, iddoo itti bara baraan Waaqayyoo fi jireenya Isaa irraa adda bahanii jiraatani dha.

Gooftaan Yasuus waa’ee iddoo kanaa yeroo dubbatu, “ibiddi isaa hin dhaamu, raammoon isaa hin du’u” jedhe. Iddoo kana dhaquun, akka Kitaaba Qulqullu keessatti barreeffamee jirutti, akka “mindaatti” kan namaaf kennamu dha. Mindaa gatii hojii ofii fudhachuu dha. Mindichatu du’a ta’e malee. Du’i inni jedhamu kun egaa isa nuti amma ‘du’a’ jennee waamnu (isa foonnii fi lubbuun adda bahu) miti. Garuu, jireenyattii faallaa jiraachuu; jechuunis gammaduu ttii, boqochuuttii, haara galfachuuttii, ulfina arguuttii fi Waaqayyoo wajjin jiraachuutti du’anii (adda bahan) jiraachuudha malee.

Kanaaf, jireenyi namni gara si’ol dhaqu jiraatuu fi waggaan 38 akkasumas, qofummaan namichi fayye kun argee gidiraa turee fi inni namni si’ol keessatti ittiin gidiru akkasumas immoo dhiphan dhukuba irraan kan ka’e inni ittiin gidiraa turee fi kan yoo jireenya qalbii diddiirannaa hin qabaatu ta’e si’ol keessatti isa eeggatu walitti madaalamuu hin danda’u. Kanaaf jedheeti Gooftaan Yasuus, “kan kanarra caalu akka sitti hin dhufnetti, deebitee cubbuu hin hojjetin” jedheen.

Seenaa kana yeroo xiinxallu, namichi kun cubbu akkamii hojjetee ture laata kan waggaa 38 ittiin dhukkubsate? Hin beeknu. Cubbuu kana immoo yoom hojjete laata? Hin beeknu (tarii ijoollummaa isaattii?, tarii immoo iddoodhuma dhukkubsatee ciisu sanatti jireenya cubbuun guute jiraatee?) kanas hin beeknu. Waan tokko garuu jecha Gooftaa Yasuus irraa ni hubanna: amalli cubbuu hojjechuu (the tendency to sin) namicha kana keessa jira.

Yeroo baay’ee namootni, “maal kana caalaa maalan ta’a?” jedhanii wantoota keessatti kufan keessatti of dhiisu. Tokko tokko immoo, komee irraa kan ka’e, “ergan silas rakkadheen jiraadha ta’e, erga silas naaf hin darbu ta’e, erga silas jireenya gaa’elaa garii hin qabu ta’e, erga jireenya namoota duratti tuffatamaan jiraadha ta’ee, erga dhukkubaanan gidira ta’ee, erga salphinnin hammasii kun narra ga’ee, erga namoonni jal’inaan waanan hin beekne narratti hojjetanii, erga dinagdee koo kufaa deema ta’ee, ergan tajaajilarra hin jiru ta’ee….” Jedhanii jireenya cubbuu keessa jiraachuuf of amansiisu. Akka isaan jedhanitti, rakkoon isaan irra ga’e kun isa dhumaa fakkaata.

Gooftaan Yasuus garuu, “kan kanarra caalu akka sitti hin dhufnetti deebitee cubbuu hin hojjetin” jedha. Inni “Cufi jaatanii/projectii jalqabde jirtu, dhaabi’i yaada ittiin oofamaa jirtu, kaasi murtoo kee!” jedha.

Maalfaa murteessuu danda’a namichi kun amma? Kanaan dura jireenya rakkinaan jiraadhe, ammaa booda garuu yeroo koo ishee haftetti, walumaan dhaheen akka nama kan biraatti jiraadha, namoota yeroo rakkina koo keessatti na tuffatanii nabira darbaa turan, warra lagatti nagatanis immoo ittan agarsiisa, …’ jedha ta’innaa? Gooftaan garuu, “itti dabaltee cubbuu hin hojjetin!” jedhaa jira.

“Cubbuu hin hojjetin” jechuun maal jechuu dha? Amma otuu ani nama tokko as keessaa maqaa waamee, “Cubbuu hin hojjetin” ittiin jedhee, namichatti maaltu dhaga’ama? Namoonni warri nu dhaga’n hoo waa’ee namichaa maal yaadu? [tarii namni kun ejjee dhufe, tarii hatee dhufe, tarii nama lolee dhufe, taii sobee dhufe, tarii nama biraa miidhee dhufe…” jennee yaadna mitii? Garuu akka barsiisa Macaafa Qulqulluutti, cubbuun akkamitti hiikamaa?

•Cubbuun Seera irra daddarbuu dha. Jechuunis: Safrtuu /Standard jiru irraa gadi bu’anii argamuu ykn ulaagaa guutuu (Qualify gochuu) dadhabuu dha. Safartuun kun immoo yaada Waaqayyoo keessa jiraachuu dha. Yaadnin Waaqayyoo nuuf har’a maal dha? Waaqayyo akkamitti akka jiraannu barbaada? Isaa wajjin, ofii wajjin, maatii keenyaa wajjin, namoota kan biraa wajjinis akkamitti akka jiraannu barbaada?

Xiinxalliin maalummaa cubbuu kun, haala nuti keessa jirru qulqulleessee nutti agarsiisa jedheen yaada. Sarara yaada Waaqayyoo iddoo baay’eetti ceeneerra. Kanaaf, sagaleen Waaqayyoo, “Hundinuu yakkaniiru, ulfinni Waaqayyoos itti hir’ateera” (Rom.3:23) jedha. Kana qofa otuu hin taane immoo, ‘beenyaan nama cubbuu hojjetuuf kennamu du’a, kennaan Waaqayyo karaa Yasuus Kirisstoos ilmaa isaa nuuf kenne garuu jireenya bara baraa ti’ (Rom6:23) jedha. Kanaafuu, ergamich Yohannisis yeroo barreessu, “cubbuu hin qabnu yoo jenne, of sossobna, dhugaanis nu keessa hin jiru. Cubbuu keenya yoo Isatti himanne Garuu Waaqayyo cubbuu keenya nuuf ni dhiisa, jallina keenya hundumaattiis nu qulleessa” jedhee barreesseera (1Yoh.1:7-9).

Haala kufaatii nuti keessa jirru kanaa ti kan Gooftaa Yasuusiin akka Inni nama ta’ee gara biyya lafaa dhufu Isa godhe. Inni yeroo gara biyya lafaa dhufe, nu tajaajiluuf dhufe (Marq. 10:45). Kanaaf, gara fannoottis ol bahuun Isa irra ture, anaaf isiniin gargaaruuf. Mee irra deddeebinee haa dubbifnu (irrattis haa yaadnu) isa Gooftaan Keenya Yasuus dubbate, “Kun dhiiga kooti namoota baay’eedhaaf kan dhanga’u dhiisuu cubbuutiif” (Mat.26:28). ‘Namni kennaa ani kennuufii dhufe kana irraa fudhatu (foon koo fi dhiiga koo), “jireenya bara baraa of keessaa qabaata, anis guyyaa dhumaatti du’aa isa nan kaasa” ’ (Yoh.6:54-56).

Kun kan agarsiisu egaa, gad-ofdeebisuu fi dhiphina guddaa fudhachuu Isaatiin Gooftaan keenya Yasuus, nuuf ergaa fayyinaa nuuf dhiise. Kanaaf jedhees Waaqayyo abbaan yeroo inni fannoo irratti dhiphifamutti illee akka waan garaa itti jabaateetti ilaale. “Isa cubbuu hin qabne, nuuf jedhee cubbuu godhe, nuti immoo Isa keessaan qajeelummaa Waaqayyoo akka argnnuuf” (2Qor.2:21 dabala tii Gal.3:13; Tit. 2:14).

Egaa ayyaanni Waaqayyoo kun nuun nu gargaareera. Maqaan Waaqayyoo haa ulfaatuu!

Garuu, ayyaanatu nuuf baay’ate jechuun immoo jireenya cubbuu keessa jiraachuutuu nurra jechuudhaa? Ergamichi phaa’uloos gaaffii kanaaf deebii yeroo kennu, “kun matumaa ta’uu hin danda’u” jedha (Rom 5:20-6:4) Kutaa kanas yoo dubbifnee akkas nuun jedha: Seerri dabalamuun akka cubbuun baay’atu godhe, haa ta’u iyyuu malee akkuma cubbuun baay’aten immoo ayyaanni caalmaatti baay’atee warra cuubbu jalatti kufnee jirru kana du’a jalaa baasuudhaan (karaa Kiristoositti amanuu) jireenya bara baraa biraan nu ga’uuf. Ayyaannoo cuubuun akkuma dabaluun dabalaa deemaa ti jennee jireenya cubbuu itti fufuun garuu hin ta’u. Sabani isaa, gara kiristoos dhufnee Isa fudhachuu fi Isa keessa galuu keenyaan jireenya cubbuuf jiraachuuttii duuneerra. Kanaaf, nuti gara kiristoos erga dhufnee, fayyina karaa ayyaanaa kennamu erga kan keenya godhannee wantoonni lama jireenya keessatti mul’atuutu irra jiraata: Cubbuuf du’uu keenyaa fi jireenya haaraa isa Kiristoos keessatti ta’e kana immoo jiraachuu keenya. Kana jechuunis, itti fufnee cubbuutti of kennuun nurra hin jiru jechuudha!

Luqisii ittiin jalqabne keessattis, Yasuus, namicha dhukkuba waggaa 38tiittii fayyise kanaan, “jireenya haaraa jiraadhu” jedhee gaafachaa jira. Aniif isinis, isuma kanatu nu irraa barbaadama. “Jireenya haaraa, isa foolii Kiristoos qabu” jiraachuu!

 

Waaqayyo isin haa eebbisu!

 

Fuula kana daawwachuu keessaniif galatoomaa!

 

 

yaada ykn gaaffii yoo qabaattan nu qunnamaa:

 

Takiluu T. Guutaa

 

E-mail: [email protected]

 

 

 
 

Waaqayyo si jaallata
Waaqayyo si jaallata

Ati Eessa?
Ati Eessa?