Sagalicha Dhiigicha Hafuuricha

Header Image  

The Word the Blood the Spirit

    

 
 
 

 
 

Waaqayyoon Beekuun Moo’icha si gonfachiia

Lallaba kana keessatti icciitii wantootaa fi haalota jireenya hafuuraa namaa bitintirsan irratti moo’icha argachuutu bakkee baafamee jira. Beekumsi jijjiirama jireenya namaa irratti fiduuf isa jalqabaaf barbaachisaa ta’ee, inni beekamuun irra jiru garuu isa sadarkaa moo’icha namaa murteessu dha. Waaqayyoon beekuun bu’uuraa fi xumura moo’icha fiixaan bahumsa qabuu ti. Namni yoo maal barate ykn hammam barate Waaqayyoon sirriitti beekuu danda’a?

Jireenyi moo’icha nama tokkoo maal faa kan of keessatti qabtu dha? Namni tokko immoo waan meeqaa fi yeroo meeqa mo’uutu irra jiraata?

Beekumsa jijjiraama uumu keessatti wanti beekame jireenyaan wal makachuun ykn wal fudhachuun barbaachisaa ta’a. Kana jechuun immoo maal jechuudha? Attamittis ta’uu danda’a?

Namni tokko biyya fi haala Waaqeffachuu fi kadhachuuf, jireenya waamicha isaatiif ta’u (jireenya Kiristaanummaa isa Kiristoosiin fakkaachuu ta’e) jiraachuuf hin mijanne keessatti attamitti jiraachuu danda’aa? Ogummaa maalitti fayyadamees jirenya moo’ichaa jiraachuu danda’a? Duula fi lola jabaatee guyyaa guyyaatti qabsiifamu icciitiin ittiin injifatan maal ta’inna laata? Gaaffilee kanaa fi kan kana fakkaata baay’eef lallaba sagalee Waaqayyoo kana dhaggeeffachuudhaan deebii/hubannoo garrii argattu.

Waaqayyos jireenya keessan dhiibuu kamuu keessaa kaasee gaara ol ka’aa irra dhaabachiisuu akka inni dana’u nan amana.

Kanaafuu, kadhataa fi qalbifataan akka caqastan jaalala Waaqayyootiin affeeramtaniittu. Homaa itti hin baaftan, bilisaan harcaafattanii ofiifis ta’ee maatiin waliin itti dhimma bahuu dandeessu.

 

 

 

Waaqayyo isin haa eebbisu!

 

Fuula kana daawwachuu keessaniif galatoomaa!

 

 

yaada ykn gaaffii yoo qabaattan nu qunnamaa:

 

Takiluu T. Guutaa

 

E-mail: [email protected]

 

 

 
 

Waaqayyo si jaallata
Waaqayyo si jaallata

Ati Eessa?
Ati Eessa?