Sagalicha Dhiigicha Hafuuricha

Header Image  

The Word the Blood the Spirit

    

 
 
 

 
 

Diinni ni ariifata garuu Waaqayyoon hin dursu! (audio, sagaleen)

(Aster 5:11-14)
Hamaan Yihuudota lafarraa haxaa’ee bal’eessuuf saffisa guddaan haala mijeeffateera. Yaadi inni yaade, mootii biratti dafee, takkumaan fudhatama argate.
Barreesitoonni ariitiidhaan afaan garaagaraatti hiikaniif (seera balleeffama saba Waaqayyoo)
Xalayaan salphaadhumatti biyyootaa fi kutaalee biyoota garaagaraatti raabsamee wal ga’eef
Wanti hundumtuu takkaadhaan sorooree adeemaafii jira!
Kana biraan immoo kadhata Asteer otuu mootiin dhaga’ee tarkaanfii hin fudhatin, Mardookaayiin fannisee akka inni ajjeesuuf haati manaa isaa fi hiriyoonni isaa malaniiruuf
Utuu affeerrii isa lammataa (yeroo Asteer itti gaaffii ishee dhiyeeffattu) bira hin ga’in akka fannifamuuf mardookaayitti murteeffameera.
Waaqayyoo fi sabni isaa waan hojjetan keessatti waan lafarra gototaman fakkaatu! Haa ta’u iyyuu malee injifannoon kan Waaqayyoo ti!
Waaqayyo beekaa Asteeriin guyyaa jalqabaatti dubbii harkaa balleesse. Sababni isaa isheen tarii sodaa irraa, naasuu irraa, haala siyaassa mootiis yaada keessa galchuu irraa waan dubbattuuf; tarii waan gaafachuun irra jiru hundumaa hin goontu. Yoo baay’ates kan isheen gaafattu, akkuma itti fufnee jiraannu godhi! Kan jedhu dha.
Gama biraadhaan immoo Asteer, mana mootii keessaa iyyuu haa jiraattu malee, oddeeffannoo irraa fagoodha! Waan biyyicha keessa jiru, waan saba ishee irratti labsamee jiru, waan warri mootii jala jiranis karoorsaa oolan hin beektu turte. Ammas taanaan, Isheen boriif karoora haa qabatttu iyyuu malee, edana kana Wanta jal’oonni hojjechuuf karoorfatanis hin beektu turte. Waaqayyo garuu beeka! Kanaaf, akka ariitiidhaan labsiin garagalfamutti, akka ariitiidhaan murtiin du’aa gara labsii jireenyaatti labsamutti, akka ariitiidhaan Seexanni afaan qabatee isa Waaqayyo jedhu duwwaa labsutti, Waaqayyo halkan walakkaa dhufe!  (6:1). Yerfoo dhufu immoo Waaqayyo karaa Asteer fi Mardookaay kadhatanii fi yaadan irra miti. Inni karaa ofii isaa irra, Karaa ol kaafamuu irra dhufe!
Halkan kee Walakkaatti ilee yoo ta’e, Waaqayyo ni dhufa! Ati isa duratti gad-of deebisuu kee fi isa qofaa wajjin walii galuu kee hin dhiisin!Labsiin diinaa ni garagalfamaa!
Al tokko tokko, abdii kutannaa irraa kan ka’e, nuti waanti nuti yaadnu, waan xiqqaa, waanuma jireenya keenya duwwaa itti fufsiifachuu, waanuma har’a nyaannee bullu, waanuma har’a uffannu, waanuma har’a ittii kiraa manaa baafannu, waanuma har’a ittiin hojii xinnoo ishee argannu, waanuma har’a ittiin cidha gabaabaa isaa godhannu, waanuma ittiin namoota dura baanee gallu, waanuma ittiin kutaa tokkoo kutaa biraatti dabarru, waanuma ittii liqii nurra jiru of irraa baafnu…. Kadhanna.
Kadhata Yaaqobiin yaadadhaa---waanan nyaadhu, waanan uffadhu, mana abbaakootti deebi’uu yoo naaf laatte
Beektuu, Waaqayyo garuu yaada addaa, ulfina addaa, ol kaafamuu addaa, murtii addaa, ijaabaasuu addaa qaba. Akka asteer Itti ijaa baafachuuf qophooftetti, akka asteer ofii shee fi saba ishee falmuuf qophooftetti miti kan Waaqayyo hojjete. Inni mootii irraa hirriba fageesuudhaan jalqabe. Yaada seenaa/galmee garagalchuu mootii keessa kaa’e. Akka inni of ilaalee of tuffatu, akka inni yeroodhaan waan godhamuun irra ture tokko hin godhin darbe itti agarsiise. Asteer mooticha nyaataa fi dhugaatiidhaan garaa isaa argachuuf yaalaa jirti, Waaqayyo garuu humnaan ka’eera! Isa ati irratti diplomaatiin yaalaa jirtu irratti Waaqayyo immoo humnaan ka’eera!Maal jetta egaa? Isa ati yoon dubbadhe, iddoo koo dhabinna, mindaa koo dhabinnaa, jireenya koo balaa irra buusinnaa? Jettee mamaa waan jettus wallaalaa itti rakkachaa jirtu irratti Waaqayyo humnaan ka’eera!  Karaan inni ka’e garuu karaa kee irraa karaa kan biraadhaan! Waaqayyo siinis si dursa! Gaafa yeroon Isaa ga’u, Waaqayyo diinota kee qofa otuu hin ta’in, siinis, warra si jaallatan kan biraas ni dursa! Kana immoo Inni Ulfina ofii Isaa eeggachuuf jedhee akkas godha!
Gaafa ati ariifattee kaatu, Waaqayyo calluma jedha, gaafa ti boodatti harkifattu Waaqayyo si dursa. Yaada Waaqayyoo wajjin waliif galanii yeroo Waaqayyootti Waaqayyoo wajjin tarkaanfachuu danda’uun attam dinqii dhaa? Gooftaan nu haa gargaaru!
Tarii namoonni, bulchitoonni, firoonnii fi hiriyoonni beekamtii ati argachuun sirra ture, ulfilfina siif amlu, mundaa ati argachuun sirra ture, dadhabbii keef galata ati argachuun sirra ture si duraa hambisanii jiruu laata? Ati immoo itti qabamtee, hojii gaarii isa jalqabde dagattee jirtaa laata? Hamilee kootti bu’an jettee komataa jirtaa laata? Dhiisi, Waaqayyo guyyaa barbaachisaa tokkoof ol siif kaa’ee! Guyyaa cimaa tokkotu jiraa, guyyaa kana immoo warra jaleedhaan otuu hin taane, Isuma mo’ee jiruun badhaasi siif kennamaa! Utuu yeroo itti Mardookaay gaafa waan gaarii godhe sana, tarii sadarkaan waardiyyummaa isaa ol butame ta’ee, tarii otuu dabala mindaa argate ta’ee, tarii otuu manni kutaan tokko kennameef ta’ee, tarii tarii otuu uffatni waardiyyummaa fi tirikaan (baatriin) bitameeraaf ta’ee, silaa gaafa mootiin, “nama kanaaf maaltu godhamee?” (6:3)jedhu isatu himama ture.  Amma garuu, Waaqayyo yeroo Isaatti ulfina calaaluu fi eebba caalu keessaa baasuuf jedhee, wantoonni xixiqqoon sunniin akka Mardookaayiif hin taane godheera.
Egaa atis hin guungumin kaa!Namatu mindaa koo na dhowwate, namatu hojii koof galata na dhowwate, namatu sanaa fi kana na godhe, jettee ofuma onnee kee hin dadhabsiisin!Waaqayyo guyyaa gaarii tokkoof siif kaa’ee!
Gaafa mootichi Arxeekisis waan Waaqayyo hirriba irraa bal’eessee itti agarsiise gochuuf nama barbaadu, Hamaanis waan yaadaa bule raawwachuuf, dallaa mootiitti ol seeneera! Yeroo seene immoo Labsataa fi dhaadataa seene! Akka Waaqayyo durse Hamaan hin barre! (6:4-5)
Amma Waaqayyo Sagantaa Hamaan subiin baheef geddarsiisuuf murtoo godheera.Kana immoo afaan nama kan biraan otuu hin ta’in, Hamaanummaan faallaa isa karoorsee, faallaa isa itti dhadatee, faallaa isa ittiin of koorsee labsisiisuuf Waaqayyo saganteesseera.
Sa’atich tokkuma, yeroon du’aaf karoorfamee fi Yeroon ulfinaan ol baafamuu! Diinni yeroo itti du’a kee eegutti, ulfina kee arga! Sababni isaa, yeroo sanatti ati, “Nama Mootiin kabajuu barbaadu!” jedhamtee waamamta!
Yeroo dhumaa irratti, Waaqayyo diina kee carraa kan ofii isaa dubbaachuu dhowwata. Hamaan erga mootiin kaayyoof waamsisee booda, yeroo itti jal’ina ofii yaade itti gaafatu hin qabaanne. Kaayoon mootii kun ariitiidhaan waan hojiirra ooluun irra jiruuf, waanuma gaafatamee dubbachuu fi waan ajajame gochuu qofaa danda’a! Kanaaf, diinni waanuma fedhe iyyuu haa saganteessu, isiniif garuu Waaqayyo ajaja haa baasu!
Erga Waaqayyo labsii Hamaan labsii ofii Isaatiin garagalchee akka Mordekaayi uffata mootii uffatu, farda mootii irra taa’ee (Hamaan farda harkisaa) dinqisiifamaa fi ol ol qabamaa magaalaa naanna’u godhee booda, Hamaan manatti galee, warra firootaa isaa fi haadha manaa isatti waan irra ga’e itti himate. Kan isin dhibu, amma Waaqayyotu ka’e waan ta’eef, haati manaa fi firoonni isaa illee ammaa booda sagalee jajjabinaa itti dubbachuu hin dandeenye; mala kan biraas hin arganneef. Garuu, raajii itti dubbachuu jalqaban. Gaafa Waaqayyo ka’u, diinonni keenya iyyuu raajii sirrii nuuf dubbachuu jalqabu! Akks jedhaniin, “Moredekaayi inni ati amma fuula isaa duraa kufuu jalqabde kun, sanyii Yihuudii yoo ta’e, ati raawwatteedhuma kufta malee, isaan mormuu hin dandeessu!”(6:13).
Akka jara kanatti mul’atetti, jalqabuma Mordekaayi lafaa ka’uun, hamaan otuu duraa kufuu ti. Kana immoo waa’ee eenyummaa Mordekaayiin wal qabsiisaanii gaafa ilaalan, humni kuffisuu jalqabe kun itti fufaa akka ta’e hubatan! Akka aangoo Hamaan isa yeroof ka’ee dhaabatu akka hin taane, madda dhuma hin qabne irraa akka humni moo’icha Mordekaayi akka dhufu hubatan. Kanaafuu, “Mordekaayi kun snanyii Yihudii yoo ta’e,” raawwattee badda jedhaniin! “Duras dhaabachuu hin dandeessu!” jedhaniin. 
Sabani isaa, “Hamaan sanyii Yihudiif yaada gaarii hin qabu” ofuma isaatii diinummaa waan jalqabeef, hojii inni jalqabe akka isa balleessuu danda’u itti himan. Hubannaa isaaniikana duuba garuu, Sanyiin Yihuudii sanyii Waaqayyo irratti waamamuu barbaade ta’uu ni beekna. Qomoo Waaqayyo filate dha. Qomoo Waaqayyo filatee wajjiniin jirutti namni diinummaan bahe kamuu immoo hin oofkalu!
Dhaggeeffadhaa, nuti Kiristaanonni, dhiiga Yasuusiin bitamnee, dubbii Waaqayyoon lammaffaa dhalannee, hafuura Waaqayyootiin qulqulleeffamnee fi mallatteefamnee jireenya bara bara baraaf warra kaadhimamne dha. Dhalachuun keenya inni lammaffaan kun sanyii baduttii akka hin taane sagaleen Waaqayyoo ni dubbata (1Phex.1:23). Namni Waaqayyo irraa dhalate immoo humna ittiin cubbuu mo’atu waan of keessaa qabuuf, cubbuus waan diduuf, jaallatee fi barbaadee jireenya cuubbuu keessa waan hin jiraanneef, “Inni hamaan sun isa miidhuu hin danda’u” (1Yoh.5:17).
Akka nama kamii jedhee inni jireenya kee lafatti ilaalee sagachiiftaa si bira darbuu barbaadu, gaafa ati diddu humnaan ka’uun isaa hin oolu. Humna qabuu fi meeshaa qabu hundumaa hiriirfata. Haa ta’u iyyuu malee gaafa ati Waaqayyo duratti gad-of deebisuudhaan jalqabdu (akkuma Mordekaayi achii jalqabe), Waaqayyo isa jireenya kee ariifatee karaatti hambisuu barbaade irratti labsii baasa. Gooftaan Yasuus, “Warri natti amanan, bara baraan hin badan” waan jedheef, diinni jireenya kee bara baraan injifatama! Akkuma Mordekaayiif mukti itti rarraafamn ol dheeraan qopheeffameef (du’a dhiphuu cimaa qabu, du’a salphinaa, du’a yakkamaan du’un ajjeesuuf), Seexannis har’a amantoota irratti yakka funaanee (waan yaada isaa wajjin waliif hin galleef) ariifatee du’a bara baraa (isa cubbamaan cubbuun isaa hin dhiifamiiniif du’utti) si geessuuf ariifataa jira. Haa ta’u iyyuu malee, Dhiigni Yasuus waan siif dhangala’eef, yeroo dhumaa kanatti illee Waaqayyo siif ga’eera! Ati Waaqayyo duratti gadi of deebisuu fi cubbuu keetti qalbii diddiirrachuu gaafa jalqabdu, Seexanni gubata bara baraa itti dafee si darbachuuf yaaletti ofii darbatama.Guyyaan firdii sun, yeroon dhumaa sun, siif akka isa Seexanni yaadee otuu hin ta’in akka isa Waaqayyo siif kaa’ee taata! “nama Mootiin ulfeessuu barbaadeef” kanatu ta’a siif jedhama.(Mat.25:34 dubbisi) “Ergasii Mootichii warra mirga isaa jiraniin, ‘Isin yaa warra Abbaa kootiin eebbifamtanii,  kottaa mootummaa Isaa isa uumama biyya lafaattii jalqabee, isiiniif qophaa’etti galaa!’ ” in jedhaan. Yeroo kana hojii gaarii inni kanaan dura ati gatii itti hinfudhatin hojjechaa turte hundumtuu tokko tokkoon siif lakkaa’amee galata siif kennisiisa! 
Tarii jirenyi kee har’aa akka ati eebbifamaa taate kan agarsiisu ta’uu dhiisuu danda’a. tarii waa’ee waan gaarii ati godhaa jirtuu fi gootees, namni ta’ee Waaqayyo waan siif hin ilaalle sitti fakkaachuu danda’a. kanuma irratti iyyuu immoo diinni kee guyyaa guyyaatti labsii jireenya kee gabaabsee, guyyaa siif akeekame kana biraa si hankaaksuu labsuu irrraa kan ka’e, jireenya sodaa guddaa qabu jiraachuu dandeessa. Kana irraa kan ka’e, maaliifan Kiristaan ta’e, maaliifan Waaqayyoon sodaadhe, maaliifan akka warra kaaniitti hin jiraanne… silaa anis akkuma warra kaanii ‘jiraachuu’ nan danda’an ture mitii jetta ta’a. Sababii Kiristaanummaa keetiif, waan sagada sirraa barbaadu baay’eef sagduu diduu kee irraa kan ka’e, cubbuun kees sirratti baay’achuu irraa kan ka’e, jireenyi kee kaaraa oliis ta’ee karaa gadii waan dagaatame sitti fakkaateera ta’a. Kiristaanummaa waanuma itti dhalatteef (takkaa waan fudhatteef) keessa jirta malee, tarii biyya kees gad-dhiifteetta ta’a—jechuun koo jireenya Kiristaanummaan sirraa barbaadu illee qixaan jiraachaa hin jirtu ta’uu danda’a! Amma ati fuula Waaqayyootti deebi’uuf gad-of deebisi, inni immoo isa jabaa fi haango-qabeessa hirree isaatiin yeroo ofii Isaatiitti ol si qabuuf ni dhufaa! (1Phex.5:6-9)
Kanaafis, Waaqayyo yeroon isaa yemmuu ga’u akka ol isin qabutti, haka Isaa isa aango-qabeessa jalatti gad-ofdebisaa!
 Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa!
Of qabaa, dammaqaas! Seexanni amajaajiin keessan, akka leenci yeroo beela’utti aadaa naanna’utti, nama liqimsubarbaadee in naanna’aa.
Egaa Misiraachoo! Diinni kee ariifatu iyyuu Waaqayyoon hin dursu, atis lafaa kaatee jireenya namaa fi Waaqayyo duratti ulfina qabeessa ta’e jiraachuu ni jalqabda waan ta’eef!Diinonni kee immoo badiisaa fi sagantaa du’aa siif qopheessanitti ofii galu!
Waaqayyo lolaa fi falmaa dha!

 


 

Waaqayyo isin haa eebbisu!

 

Fuula kana daawwachuu keessaniif galatoomaa!

 

 

yaada ykn gaaffii yoo qabaattan nu qunnamaa:

 

Takiluu T. Guutaa

 

E-mail: [email protected]

 

 

 
 

Waaqayyo si jaallata
Waaqayyo si jaallata

Ati Eessa?
Ati Eessa?