Sagalicha Dhiigicha Hafuuricha

Header Image  

The Word the Blood the Spirit

    

 
 
 

 
 
Icciitii Moo'ichaa (kutaa 3ffaa)

Goofataan keenya Yasuus jireenya moo’ichaa Inni biyya lafaa kana irratti jiraatee darbe irraa akka barannuuf affeeramneerra. Gooftaan Yasuusis, “Anarraa baraa” jedhees nu gaafateera.

Kun immoo akkuma Yasuus ergama Isaa biyya lafaa kana irratti moo’icha guddaan xumuree gara mirga Abbaa Isaatti ol bahe, akkasuma nuunis adeemsa jireenya biyya lafaa kanaa moo’ichaan xumurree gara ulfina bara baraatti darbuuf icciitiin moo’ichaa nuuf mul’ifameera.

Ati jireenya kee keessatti moo’ichaan deemuuf dheebochaa jirta? Wantoonni wal’aansoo siin qaban hunduu, iddoo fi kaayyoo kee irraa waan gad-si buusuuf humna qaban sitti fakkaataa jiraa? Waaqayyo ulfinaa fi guddinaaf akka si waame otuma beektuu, karaan ittiin jireenyicha keessa jiraatan si harkaa badee jiraa?

Doorsisoo, sossobbii fi gowwoomsaan Seexanaas jireenya kee bitaa sitti galchuu fi kakuu kee si shakkisiisuu barbaadaa jiraa? Asham! Waaqayyo karaa ati ittiin moo’icha argattu, sagalee isaatiin bakkeetti baaseera.

Mee Icciitii moo’ichaa kutaa 3ffaa qalbeeffannoon dhaggeeffadhaa. Fuula kana irraa bilisaan harcaafachuu (download godhachuu) ni dandeessu.

 

Waaqayyo isin haa eebbisu!

 

Fuula kana daawwachuu keessaniif galatoomaa!

 

 

yaada ykn gaaffii yoo qabaattan nu qunnamaa:

 

Takiluu T. Guutaa

 

E-mail: [email protected]

 

 

 
 

Waaqayyo si jaallata
Waaqayyo si jaallata

Ati Eessa?
Ati Eessa?