Sagalicha Dhiigicha Hafuuricha

Header Image  

The Word the Blood the Spirit

    

 
 
 

 
 

Ol ka’iinsichi ariitiitti barbaadama! (Mul’ata Yohannis 2:1-7  /Audio version)

 
Ergaa kana kan erge (dubbate) Isa “ Alfaa dhaa fi Oogmegaa (jechuunis Isa Jalqabaa fi Isa dhumaa) Isa ta’e, Isa ture, Isa jiruu fi Isa dhufuuf jiru; Isa Hundaa-Danda’u’ dha (1:8;17-18). Gabaabaadhumatti, ergichi Yasuus Kiristoos, isa wa’ee cubbuu keenyaatiif du’e, isa immoo du’aa ka’ee gara Waaqaatti olbahe; Isa bara baraanis jiraatu biraa dhufe(1:.17-18).
Karaa biraadhaan, ergaan amma waliin dhageenyu/dubbifnu kun Waaqayyo isa Uumaa fi Jiraachisaa ta’e biraa dhufe.
Mul’ata argu kana keessatti Yohannis, shakkii jireenya namoota baay’ee keessa yeros ture, amma illee baay’inaan kan mul’atu tokkoofis dhugaa qabatamaa guddaa tokko argateera. Shakkichis, waa’ee eenyummaa Yasuus Kiristoos dha:Inni nama moo waaqa? Mee mul’ata Yohannis arge kana isaa wajjin irra deebinee haa ilaallu.
1:13-16 irratti “ilma namaa kan fakkaatu” tokko arge. Yeroo ilaalamu nama; bifaa fi fakkoo namummaatu qaba. Yeroo hubatee ilaalu garuu, nama kan biraa irraa wantootaa adda Isa gadhu arge. Uffata Isaa irraa jalqabee, bifaa fi amala qaama Isaa (rifeensa Isaa, fuula Isaa,miilla Isaa) akkasumas sagalee Isaa ibsa. Kun eenyu ta’inna jedhee otuu dinqisiifatuu immoo yeroo Innumti of itti mul’isuu, Yohannis dura dhaabachuu hin dandeenye. Kanaafis, “Akka nama du’een ta’e” jedha.
Yaadadhaa, Wanta Waaqayyo Museedhan jedhe, “fuula koo arguun siif hin danda’amu, sababni isaa namni fuula koo argee jiraachuu hin danda’u” (Seera Bahuu 33:20). Yohannis, kanaan duara Yasuusii wajjin jiraachaa ture. Haa ta’u iyyuu malee, ulfina Waaqummaa Isaatiin gaafa Isa argu, dura dhaachuu hin dandeenye.
Fuula Gooftaa duratti keessa- beekettummaan hin hojjetu. Amala godhachuun ykn dhagna godhachuun hin hojjetu. Akkuma nama du’ee ta’e.
Kakuu Moofaa keessatti, gaafa Waaqayyo saba Isaatti of mul’isuuf gaara Horeb irratti gadi bu’e, akka Waaqayyo hin amaleeffatamne, sabni Isira’el baree dhugaa baheera( Keessa Deebii 5:24-25). Waaqayyo araara Isaatiin saba Isaatti of mul’isee akka isaan waaqayyoolii warra biroo wajjin wal Isa hin qixxeessineef diniina/akeekkachiisa kenneef. Sabichi Abidda keessan sagalee dubbubbatamu yeroo dhaga’uu jalqabe, ooluu isaa ni dinqisiifaate. Kana qofaa otuu hin taane, in sodaate, in safeeffate. Museedhaanis, “Maaloo kana caalaa ofii Isaatii akkasitti Waaqayyo nutti dubbata taanaan, du’uu keenya waan ta’eef atumti Isa Waaqayyo dubbatu harkaa fuudhii nutti himi” jedhaniin.
Kan isin dhibu, seenaa Waaqeffannaa Isiraa’el keessatti, Fuula Waaqayyoo arguun du’aan akka hordofamu irra deddeebi’ame dhugaa bahameera (Dabalataaf, mee Uumama 32:30; Abboofa Firdii 6:22-23;13:22; Isa.6:5; 1xim.6:15-16 dubbifadhaa). Museen iyyuu, balafasa (Risk) guddaa of-irratti fudhatee Isa arguuf gaafate; kanaanis mirkaneeffachuuf ture, “waaqni kan biraan bifa kamiinuu yoo itti mul’ate” sobsiisuudhaaf ture. Waaqayyo surraa sodaachisu akka qabus hubatee.
Gara kutaa keenyattis yeroo achii as deebinu, Yohannis fuula “Isa ilma namaa fakkaatu” sanaa gaafa arge, itti fufee dhaabachuu, ilaaluu fi wajjin dubbachuu hin dandeenye; “akka nama du’ee ta’e”.  Isa booda “Inni ilma namaa fakkaatu sun” harka Isaa irra kaa’ee akkas jedheen, ‘Hin sodaatin. Ani isa jalqaabaa fi isa dhumaa ti. Ani isa jiraataa dha; takkaa illee du’een ture, kunoo amma immoo bara baraan nan jiraadha. Furtuun du’aa fi kan balbala gaahannem ana harka jira’ (1:17-18).
Asi irrattis hubadhaa, jechoota “Inni Ilma namaa fakkaatu” sun ittiin of ibse. Takka nama akka ta’ee ture, kanaafis du’a akka dhandhame; haa ta’u iyyuu mallee immoo Waaqayyummaan jalqabuma irraa qabee iyyuu kan Isaa akka ture, kan Isaa ta’ees akka hafu ibse. Jecha Inni dubbate kanaa fi isa Macaafota Kakuu Moofaa keessatti Waaqayyo dubbate, wal bira qabaa ilaalaa (Isa. 48:4; 44:6; 48:12; Iyob 19:25; F.Ermiyaas 5:19)
Kana jechuunis, Gooftaan keenya Yasuus, ergaa Yohannisitti kennuuf ture dursee eenyummaa/ Waaqummaa Isaa itti agarsiise.
Kanaaf, ergaan kun, “Waaqayyo Isa Gooftaa gooftotaa fi Mootii moototaa ta’e” biraa gara Yohannis dhufe. Isatu Yohannisiin, “Waan argite kana barreessi; wanta amma ta’aa jiruu fi wanta gara fuula duraattis ta’uuf jiru waan ta’eef” ittiin jedhe (1:19). Kana irraa kan ka’e, Yohannis eenyu harkaa ergicha akka fuudhe waan beekuuf, warra dubbisanii fi barsiisaniif illee akeekkachiisa kenne, “nami itti dablu ykn irraa hir’isu Goofticha biraa gatii isaa akka fudhatu’ (22:18).
Nutis har’a gaafa dhageenyu/ dubbifnu, Goofta Isa hin amaleeffatamne sanaaf ulfina kennuudhaan itti abboomamuuf qophaa’uutu nurra jira. Utuu amaleeffatamuu fi garaa baruun danda’amee, Yohannis inni bobaa Yasuus jala Waggaa sadii ol jiraate, inni qoma Isaatti jedhee irraa dhageeffachaa ture, inni wajjin nyaachaa ture,… akka nama du’ee hin ta’u ture. Gooftaan ayyaana Isaatiin nu haa gargaaru.
Guyyaa tokko Waaqayyo raajicha Iziqeeliin, ‘ati akka isaanii (warra dubbii koo dhaga’uu hin barbaannee, sagalee koof ulfina hin qabnee) hin ta’iniitii, afaan kee banadhuu ti waanan siif kennu nyaadhu’ (2:7) . ‘Isa booda immoo jaraan “Dubbiin koo kana caalaa lafarra hin gototamu, wanti ani dubbadhes hunduu ni raawwatama jedha Waaqayyo Inni hundumaa gararraa jiru’ jedhiin jedhe(12:28).
Egaa, erga Gooftaan harka Isaatiin Isa xuqee, dubbii Isaas irratti dubbatee isa jabeessee booda, Yohannis waan itti himame kana gochuu jalqabe (dhaggeeffatee, ilaalee, barreessuu).
Amma egaa “Inni ilama namaa fakkaatu” Sun Gooftaa keenya Yasuus Kiristoos ta’uu isaa erga hubatee booda, waan Inni ittiin jedhu galmeessuu jalqabeera. Asirratti ammas haa qalbeeffannu. Gooftaan dubbii dubbatuuf of eeggachuuf jedhee dursee of itti mul’ise. Akka Yohannis salphisee hin ilaalleetti jedheen yaada.  
Museenis bara dheera tajaajile. Garuu gaaf-tokko, dubbii Gooftaa salphaatti fudhate, tarii aarii isaa to'achuu dadhabuu fi gara beekkannoo ta’innaa laata? Waaqayyo 'dhagicha irratti dubbadhu' jennaan inni immoo 'dhagicha rukute'.  Qixaan hin abboomamne. Wantichi waan salphaa fakkaata, eebba Musee garuu karaatti hambisseera; yoo xiqqate kana’aaniin seenuu fi umurii sanarra dheeratu jiraachuu irraa isa danqeera.
Waaqayyo yeroo hundumaa qixaan Isa dhageenyee, qixaan Isaaf akka abboomamnu nu haa gargaaru.
Bara meeqa iyyuu yoo wajjin jiraatame, aarsaan meeqa iyyuu yoo Isaaf baafame, tajaajila bara meeqaa fi aangoo akkamiin iyyuu yoo Isaaf tajaajilame, Waaqayyo yeroo hundumaa Sodaatamuu barbaada. Sababiin isaa Sodaatamuu fi kabajamuun, Isaaf ni ta’a waan ta’eef.
Kana immoo waldaa Kiristaanaa wajjin walqabsiisnee yeroo ilaalu, Gooftaan guddaan kun waldaa Kiristaanaa gidduu jira. Geggeessitoota waldattiis harka Isaa keessatti baatee jira (Mul. 1:20). Kan nama dinqu, Yohanni jalqaba mul’ta isaa keessatti Gooftaa Yasuusii utuu Inni waldaa Isaa gidduu deddeebi’uudha kan inni arge(1:12-13a)
Inni waldaa Isaa gidduu jiru kun, Waldaa Isaa keessatti waan ilaales Yohannisitti himeera.
Yeroo tokko tokko, tajaajiltoonni bakka fagoodhaa ollaadhaas, dhufanii ergaa Waaqayyoo yeroo Isaan nutti himan, akka waan Isaan iddoo biraadhaa ergicha fidanii dhufani nutti fakkaata. Mitii? Haa ta’u iyyuu malee, Waaqayyo isa waldaa Isaa gidduu jirutu karaa namoota alaala jiranii, alaalaa dhufanii,ykn  keessas jiraatanii dubbata.
Kan Waaqayyo yeroo baay’ee namoota alaalaa, ollaadhaas kaasee waldaatti erguuf, akka isheen dogongora guddaa jireenya ishee keessatti hin gooneef gargaaruuf jedheeti. Dogongora akkamii? Namuma nabeekutu, ‘abalutu’ oduudhaan kana natti dubbata jettee Dubbii Gooftaa Isa guddaa tuffachuun dheekkamsa akka of irratti hin fidneef gargaaruuf.
Kanaaf, Yohannis alaala taa’ee, lafa bishaan gidduu, Phaxemoos, irratti hidhamee iddoo jiruutti dhoksaa Waldoota Eshiayaa torban keessa jiru, itti himee itti ergisiisa.
Waldoota torban keessaa, waldaan Kiristaanaa Efesoon ishee tokko turte. Geggeessitoonni ishees harka Gooftaa isa mirgaa keessa turan.
Yeroo waldattii kana gidduu deddeebi’u wanti Gooftaan argu kanatti fufanii jiru.
-           Geggeesitoonni waldaa Kiristaanaa Efesoon baay’ee hojii geggeessummaa isaaniitti jaboo dha.
-          Hojii mootummaa Waaqayyoo keessatti baay’ee dadhabu.
-          Maqaa Gooftaatiif jedhee immoo ariyatamnii fi hacuucamuun, gadi-qabamuun doorsifamuun irra jiru baay’ee ture. Kanas, otuu hin nuffinii fi hin dadhabin obsaan danda’aa jiru.
-          Ariyatama isa alaa qofa otuu hin ta’in, Seexanni immoo hundee waldattii isa Dhugaa dubbii Waaqayyoo irratti ijaarame diiguuf sobdoota baay’ee keessaan kaasa ture. Kanarraa kan ka’e, barsiisonnii fi ergamoonni sobduun dubbii hundee hin qabneen waldatti diiguuf yeroo keessa seenan, ykn keessaa ka’an, geggeessitoonni waldatti dafanii qabu turan. Waldattii keessatti barsiisa barsiifamuuf of eeggannoo guddaa godhu. Kanas Gooftaan ni jajaaf.
-          Hojii warra Niqoolotaa isa Gooftaan jibbu, isaanis ni jibu. (Isa kana Waldaan Phergaamoon keessa amantoonni jiraan tokko tokko immoo ofitti hammattanii  argaman-- 2:14-15)
-          Akkasuma ta’ee iyyuu garuu, waldaan kun, geggeesitoonni isaanis ol ka’iinsa guddina hafuuraa isaanii irraa gadi bu’anii isaan arge(Gooftaan). Maaliif? Jaalala dhugaa isa isaan ittiin jalqabaantu harkaa kufee jira. Kana irraa kan ka’e isaanis, ol ka’iinsa isaanii irraa gadi bu’anii argaman fuula Gooftaatti.
o   Maal kun akkamitti ta’uu danda’a?
§ Sagaleen Waaqayyoo Waaqayyoo jaalala nuun jedha. Jaalalatti kan jiraatus Waaqayyotti jiraata nuun jedha(1 Yoh.4:16)
§ Yasuusis yeroo gara biyya lafaa dhufe, jaalala irraa kan ka’e lubbuu Isaa furee godhee waa’ee keenyaaf kennuuf dhufe (Marq.10:45)
§ Kana irraa kan ka’e immoo hattoota gidduutti fannoo irratti ol baasanii iddoo isa fannisanitti, fannoo irra taa’ee illee warra isa jibbaniiif araara kadhataa ture (Luq.23:34)
§ Erga du’aa ka’ee immoo, bartoota Isaa warra yeroo rakkinaatti Isa buusanii baqatan, warra Isa ganana, warra iddoo inni turaa jedhe turanii Isa eeggachuu dadhabanii lafa dhimma isaaniitti ka’an iddoo isaan jiranii dhaqee jaalalaan itti dubbatee walitti qabe; jajjabeesse, barsiise; abdii kenneef.
Kun hundumtuu jaalala irraa kan ka’e dha.  Asirratti offitti firoomsinee haa ilaalu.
Kan Gooftaan, iddoo nuti turree, haala nuti keessa turree keessaa dhufee nubaasee har’a mana Isaa keessatti carraa nuuf kenneefi iyyuu jaalala Inni nuuf qabu irraa kan ka’e dha. Kanaan dura, iddoo fi carraan itti baduu dandeenyu baay’een utuma jiruu; du’a baay’ee, miidhama baay’ee, dogongora baay’ee, kufaatii baay’ee keessaa nu baasee, keessattis nu gargaaree carraa sagalee Isaa kanan dhageenyee qalbii diddiirannee fayyuu kan Inni nuuf kenneefis jaalala irraa kan ka’e dha. Gooftaan jaalala waan ta’eef jaalalaaf iddoo guddaa kenna.
o   Kanaaf waldaa Efesoon ishee bulchiinsaa fi tika gaarii, amanamummaa fi obsaan danda’uu, sobbaa fi dhugaa gargar baasanii dhugaa duukaa bu’uu qabdu kana keessa dhaabatee Gooftaan jaalala iddoo isaatii yeroo dhabu baay’ee gadde. Jarri kun Gooftaaf jedhanni aarsaa guddaa baasaa jiru, garuu waanti barbaachisaa ta’e tokkoo immoo harkatti miidhameera—innis jaalala.
Utuu akkasitti jiraatanii fi tajaajilanii akkamitti jaalalli isaanii miidhamuu danda’ee?
-          Tarii hojii fi toftaa garaagaraa develop gochuutti goranii, yeroo Waaqeffannaa jaalalaa, yeroo kadhata dhuunfaa, yeroo Waaqayyoof itti guungufamnii faarfatan dhabanii laata?
-          Tarii ariyatamuu fi gidiraa Gooftaaf jedhanii fudhatan kana keessatti jireenyi jaalala isaanii miidhamee laata? Tarii warra isaan jibbanii fi isaan ariyatan kanaaf dhiisuu, isaaniif kadhachuus dadhabanii laata? (Mat. 5:44-45)
-          Tarii jechaa fi gochaa namoonni isaan sobdoota akka isaan ta’an baranii tajaajila dhaabsisan dubbataniin madaa’anii, jara kanatti jaalala malee itti dubbatanini, yookiin adabanii laata? “jaalalaan walitti himuun” hafee, dheekkamsoo fi aboo agarsiisuu qofaatu guddataa deemee laata? (Efe.4:14; Rm.12:9
-          Tarii walii walii isaanii gidduutti walgargaaruu fi waliif o’uu, gadi jedhanii wal tajaajiluutu badee laata? Geggeessitoonnis, aangoo qaban agarsiisuu irra kan hafe, gadi jedhanii ‘miilla amantootaa dhiquu’ dadhabii laata?
-          Tarii jaalala isaaniitu irra-keessee, isa amaleeffannaaf jedhan ta’ee laata? Isa garaadhaan walirraa fagaachaa otuu jiranii, alaan walitti kolfaa fi ‘sin jalladha!’ waliin jedha wal dhungatan(1Phex.1:22; 1 Yoh.3:18-20).
-          Tarii baay’ina ariyatamaa fi rakkoo barsiisota sobduu irraa kan ka’e, waa’ee ofii isaanii malee waa’ee warra sagalee fayyinaa hin dhaga’in jiraniif oo’a dhabanii laata? Sodaan doorsisoo warra isaan jibbannii, waa’ee Gooftaa dhugaa bahuu irraa isaan ittisee laata? Itti fufanii, akka kaleessa, yeroo jalqaban asiif achi fiiganii namoota argan hundumaatti himan, har’a ta’uu dadhabanii laata?
-          Tarii maatii isaanii keessatti jireenyi jaalala isaanii miidhamee jiraa laata? Abbaa manaa fi haadha manaa gidduutti, ijooleef warra gidduutti? (Efe.5:25-28)
-          Tarii jaalala itti obboloota iddoo biraadhaa dhufan, tokkummaa isaanii keessaa kan hin taane, garuu waldaa waaqayyoo keessaa warra ta’an simatantu harkatti miidhamee laata? Akkuma isaan hundeeffamnii Phawulos yeroo dhugaa bahuuf, “amantiin keessanii fi jaalalli isin qulqulloota hundumaaf qabdan dhaga’ameera” jedhaa (Efe.1:15).
 
Amma garuu Gooftaan, “meerre jaalalli kee inni duraa?” Jedhee gaafataa jira.
 
Hafuurri Waaqayyoo durumaan dursee iyyuu isaan kakaasaa ture (karaa Phawulos), isaan kadhachaa ture: “jaalalaan filamtan (1:4-5), jaalalatti hiddaa fi hundee godhadhaa(3:17), jaalala beekaa (3:19); jaalalaan waliif danda’aa (4:2); jaalalaan dhugaa walitti dubbadhaa (4:15); jireenya jaalalaa jiraadhaa (5:2); haadha manoota keessan jaalladhaa (5:25-28,33); Gooftaa Yasuusiin dhugaadhaan jaalladhaa (6:24) jedhee.
 
Geggeesitoonni waldaa Efesoon ergaa isa Phaawulos isaaniif barreesse; isa jalqaban;  garuu isa Hafuurri Waaqayyoo immoo ‘kun itti fufee hiddaa fi hundee godhachuutu, guddachuu fi dagaaguutu, mana keessanii fi namoota hundumaa gidduutti argamuutu irra jiraata’ ittiin jechaa ture sana dagachuun isaanii hin hafne.  Kana irraa kan ka’e gaafa lammaffaa daawwataman kufanii fi gadi bu’anii argaman. Kun ija Gooftaatiin yeroo ilaalamu, Ol ka’iinsa guddaa irraa gadi bu’uu ta’eeti. Ol ka’iinsa kana irra jiraachuu ilmaan Isaa immoo Gooftaan nin barbaada.
 
Kanaaf, Gooftaa inni ulfinaa fi sodaatamuu guddaadhaan Yohannisitti mul’ate kun akkas jedha: “Yaadadhu, maal irraa akka kufte. Qalbii kee diddiiradhuutii iddoo kee jalqabaatti (jaalala keetti deebi’i). (kun baay’ee barbaachisaa fi ariifachiisaa dha, jedha Gooftaan) kana ta’uu baannaan anatu sitti dhufa; achiis waldaakeen achii kaasa” jedheera.  
 
Asirratti haa hubannu, inni “sittan dhufa!” jedhaa jiru Gooftaa isa Yohannis akka nama du’ee ta’ee miilla isaa jalatti kufe dha. ‘Tajaajilli kamuu, aarsaa baasuun kamuu, bulchiinsi akkami iyyuu, kennaan akkamii iyyuu, beekumsi kam iyyuu “jaalala qabaachuu” bakka hin bu’u!’(1 Qor.13:1-13)
Warri Efesoon kun egaa, waan gaggaarii baay’ee qabu, garuu isa caalutu keessa dhabame. “Saani kun kan qalameefuu garaachaafi” jedha Oromoon [garaacha saree jala buusanii, fooni isa kan biraa fuudhanii galan fakkaata]. Kiristos kan du’eef jaalalaaf! Waldaan Kiristaanaa kan bu’uureffamte jaalala irratti, kan bu’ureefamtes jaalalaani. Kanaafuu, ar’as yeroo keessa jirru kana keessatti, qixa jirruu hundumaan ergaa kanatti iddoo akka itti kenninu jaalala Gooftaattiin hunduma keenyan gaafadha.
Olka’insi jireenya jaalala keenyaa ariitiitti barbaachisa!



 

Waaqayyo isin haa eebbisu!

 

Fuula kana daawwachuu keessaniif galatoomaa!

 

 

yaada ykn gaaffii yoo qabaattan nu qunnamaa:

 

Takiluu T. Guutaa

 

E-mail: [email protected]

 

 

 
 

Waaqayyo si jaallata
Waaqayyo si jaallata

Ati Eessa?
Ati Eessa?