Sagalicha Dhiigicha Hafuuricha

Header Image  

The Word the Blood the Spirit

    

 
 
 

 
 
Waaqayyo Sumaan Barbaada

Maaliif Abdii kutachuun kofaltaa?

(audio, sagaleen)

Ati jireenya kee keessatti guyyaa abdii siif kennametti kolfite/koflite qabdaa? wanti Waaqayyo nan godha jedhee dubbatus qoosaa fi jajjabina qofa ta'ee yeroon itti sitti mul'ate jiraa?

Waaqayyo waan hundumaa ni danda'a! Kan akka Waaqayyoo kan biraanis hin jiru. Inni jireenya keef si caalaatti yaada. Iddoo amanuun si rakkisutti, Waaqayyo isa Waaqaaf lafa uume ta'uu Isaa yaadadhu. Inni waan si jaallattuuf yeroof yoo waan ati barbaaddu akka ati barbaaddutti sitti kennuu yoo dhiise iyyuu dandeettiin waan fedhee fi waan dubbate gochuu Isaa isa duraa hin sarbamne.

Mee lallaba kana qalbeefannoon dhaggeeffadhuutii irratti yaadi. Ittiins Waaqayyoon kadhadhu. Gooftaan guddisee eebba Isaa si irratti haa dhangalaasu!

 

Waaqayyo isin haa eebbisu!

 

Fuula kana daawwachuu keessaniif galatoomaa!

 

 

yaada ykn gaaffii yoo qabaattan nu qunnamaa:

 

Takiluu T. Guutaa

 

E-mail: [email protected]

 

 

 
 

Waaqayyo si jaallata
Waaqayyo si jaallata

Ati Eessa?
Ati Eessa?