Sagalicha Dhiigicha Hafuuricha

Header Image  

The Word the Blood the Spirit

    

 
 
 

 
 

Kan Siif Yaadu Jira!

1Pet.5:7
Inni waa'ee keessaniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Isa irratti gataatii dhiisaa!
INni= Waaqayyo:
- hundumaa inni danda'u
- Uumaa waan hundumaa inni ta'e
- Inni garaa jaalalaa siif qabu --ofii Isaatii iyyuu Jaalala inni ta'e
- Uumamni hunduu nyaata isaanii argachuuf gara Isaa kan ilaalan-- soortuun uumama hundumaa
- Inni isin itti amantanii jireenya keessan itti kennattan, Waaqayyo
- Inni badhaadhummaa hundumaan guutuu ta'e
- Inni hanqinnii fi rakkinni tasumaa Isa bira hin jirre, Gooftaan
Waa'ee keessaniif:
- waa'ee warra itti amantanii
- waa'ee warra gidiraa keessa darbaa jirtanii, maqaa Isaatiif
- waa'ee warra biyyi lafaa simachuu fi keessummeessuu didee
- waa'ee warra deebi'ee dhufuu Isaa eggataa jirtanii
- waa'ee warra dhiphinni garaagaraa fi yaaddoon garaagaraa irratti wal furaa jiruu
waa'ee keessaniif waan yaaduuf:
- Waaqayyo isiniif yaada
- waa'een hanqinaa fi sodaa isin qabdanii Isaaf ni gala
- waa'een wanta isin barbaachisuu
- waa'een wanta isin keessa darbaa jirtanii
- waa'een wanta boriif isin barbaachisuu
- waa'ee haala itti waan amma keessa galtanii jirtanii
- yaaddoon keessan hundumtuu kan Isaa ta'ee waan ta'eef
* * Yeroo baay'ee isa sadarkaan/qabeenyaan,beekumsaan, itti gaafatamummaan bakka caalmaa qabu irra jirutu isa kaaniif yaada. Abbaan Mucaadhaaf ni yaada, ijoolleen hamma of baranitti dhimmi isaanii hundumtuu dhimma maatii (abbaa,haadhaa,yookiis obbolaa angafaa ti). Fakkeenyaaf, Mucaan Keenya Oliifnuun, amma ji'a 10 keessa jirti. Oleen waa'ee akka itti aannan ishee bitamuu, uffanni ishee bitamuu/miichamuu, kunuunsi godhamuufiis waan dhiphattu hin qabdu. Eessaanii fi attamitti akka ta'uufis hin beektu, garuu kan isheen gootu yoo jiraate, yoo beelli itti dhaga'ame fiddaa jettee boo'uu dha. Yeroo baay'ee garuu hamma isheen boossutti hin eegnu. Gama biraadhaan immoo, Oleen otuma nama isheedhaaf yaadu qabduu yeroo isheen itti boossuu fi itti hin tolle ni jiraata. Sababni baa'icha ishee tokko tokko waan an,abbaan ishee fi haati ishee isheedhaaf jennee goonu dha. Fakkeenyaaf, akka isheen ibsaatti buutu, akka isheen waan qara qabu harkaan hin qabne, akka isheen lafa kosii yookiis qulqullina hin qabnetti hin argamneef jennee wantoonni nuyi goonu yeroo itti Olee boossisuu ni jiraata. Maaliif na jalaa fuutan, yookiis maaliif achii an fuuutan, yookiis maaliifan harkaan hin qabne, yookiis maaliifan lafa natti tole daa'imee hin dhaqne...? jettee yeroo isheen itti boossuu ni jiraata. Haa ta'u iyyuu malee, wanti abbaanii fi haati ishee, isheedhaaf jennee goonu mallattoo isheedhaaf yaaduu keenyaa ti. Isheedhaaf galus dhiisus, nuyi ishee waan jaallannuuf, itti gaafatamummaa ishees waan fudhanneef hamaan akka irra ga'u hin eeyyamnu.
* Waaqayyos nu jaallachuu fi nu caalmaatti waan sirrii fi qajeelaa ta'e waan beekuuf, yeroo tokkoo tokko lafa nutti fakkaate akka dhaqnu yeroo nuuf eeyyamuu didu qaba. Kun immoo waan isaa utuu nuuf hin galin, yeroo itti nu boossisus ni jiraata. Waaqayyo garuu nuuf yaada!

Yaaddoo keessan hundumaa:
- waan itti yaaddanii dhiphattan -- Maat.11:28
- tarii waa'ee nyaataa, uffataa, gaa'elaa, maatii, fayyaa, mana keessa jiraattanii, waan ittiin barattanii, jireenya isin eeggataa jiruu, akkasumas waa'ee egeree keessan hundumaa jechuudha.
- Nyaatii fi uffati isaa wajjin kan wal qabatanii jiran hunduu akka nama yaaddessuun amala isaanii ta'e Gooftaan Keenya Yasuus iyyuu dubbateera (Maat.6:33)
- Guyyaan borii ofii isaatiif akka yaadu saganteessuudhaan akka nuyi yaaddoo jalaa baanu kan godhe Waaqayyo dha--- 'bor ofii yaadda'a'
- "Nuuf yaaduun" kun oo'aa fi jaalala kan of keessaa qabu dha --- "isaaniif oo'ee isaan barsiise", "... hagabuu yoon gad isaan dhiise karaatti kufu, ani isaaniif nan oo'aa...", "Yaa eliyaas ka'ii nyaadhu, dhugis karaan kee fagoodhaa" "Haadha iyyeessaa tokko siif abboomeera, quurruu siif abboomeera...", "Arooniis siif qopheesseera...", "yaa ijoolle, waan nyaatamu qabduu?"
- Egaa yaaddoon namaa baay'eedha, Waaqayyo waa'ee hunduma isaa iyyuu waan nuuf yaaduuf akka Isa irratti gannee dhiifnu barbaada.

Isa irratti gataatii dhiisaa:
- Isa irratti:
- Isa hundumaa danda'u; baa'aa keenya baatu (Isa.53), isa amma iyyuu ba'aa keessan fudhadhaa kottaa jedhe (Maat.11:28-9), Isa waa'ee keenyaaf cubbuu ta'ee fannoo irratti ol ba'e....
- Gataa dhiisaa:
- irra kaa'adhaa, Isa irratti irraanfadhaa, Isa itti dabarsaa, Inni waan hundumaa akka isiniif sirreessuu fi toora qabsiisuu danda'u amanadhaa, itti kennaa, isa duratti dhiyeessaa tii ofii bilisummaatti jiraadhaa, dhimma raawachiisaa keessan Isa godhadhaa....
- Dhiisaa: yeroo baay'ee kan namatti rakkoo ta'u, ba'aa baate lafa kaa'achuu qofa otuu hin taane, isa lafa kaa'ate irraanfachuu dadhabuu dha. Lafa kaa'ee erga jedhee booda iyyuu qalbii isaa keessa ba'ichi amma iyyuu waan jiruuf dhiphinichi yoo xiqqaate iyyuu amm allee raawwatee hin banne.
- Dhiisaa inni jedhu kun ajandaa yaada keenyaa, ajandaa dhimma nu keessa guutee jiruu akka jijjiirrannu kan nu gaafatu dha. Fakkeenyaaf, Gooftaan Yasuus, waan nyaattanii fi uffattanitti yaadda'uu dhiisaatii, "Mootummaa Waaqayyoo barbaaddachuutti qalbii keessan hidhaa" jedhee ture.

Waaqayyo isiniif in yaada waan ta'eef yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gataatii dhiisaa! Ameen!

*** Mee egaa jalqaba Waa'ee Waaqayyo Isa dhimma keenya dhimma ofii Isaa godhatee jiru kanaa haa yaadnu, Eenyummaa Isaa, guddummaa Isaa, Jaalala Isaa, amanamummaa Isaa, dandeettii Isaa,...
***Itti aansuudhaanis, wantoota jireenya keenya keessatti yaaddoo ta'anii jiran tarreessinee Isa duratti haa dhiyeessinu, Kanaan booda dhimma kana sitti kenneera jennee Isa irratti haa gannu
***Kana boodas ajandaa Waaqayyoo isa ulfina qabeessa fudhannee jireenya bilisummaa fi birmadummaa, jireenya yaaddoo of keessaa hin qabne haa jiraannu.

kana immoo Waaqayyo Hafuura Isaa isa Qulqulluu, Isa dadhabbii keenya nu gargaaruuf nuuf kennamee jiruun nuun haa gargaaru! Ameen.

 

Waaqayyo isin haa eebbisu!

 

Fuula kana daawwachuu keessaniif galatoomaa!

 

 

yaada ykn gaaffii yoo qabaattan nu qunnamaa:

 

Takiluu T. Guutaa

 

E-mail: [email protected]

 

 

 
 

Waaqayyo si jaallata
Waaqayyo si jaallata

Ati Eessa?
Ati Eessa?