Sagalicha Dhiigicha Hafuuricha

Header Image  

The Word the Blood the Spirit

    

 
 
 

 
 

Fiigichi kee maal si argachiisa?

Fiph.3:14 "Akeeka sana bira gahee gonfoo warra mo'anni argachuudhaaf nan kaadha; gonfoon warra mo'anii kunis waamicha isa Waaqayyo karaa Kiristoos Yasuus itti ol nu waame dha"
Ergamich Phaawulos, bara tajaajila isaa keessatti eessaa akka ka'e, amma maal gochaa akka jiru, eessa akka ga'e, maal ta'uufis akka jiru of duratti ilaalaa nama fiigu dha.
Inni inni of fuula duratti ilaalaa deemu kun immoo wantoota baay'ee akka inni tuffatee bira darbu isa godheera. Kan biraan hafnaan:
1.- Qomoo isaa, ulfina yihudummaa isaa (Filph.3:5-8) "Dhaladhee gaafa saddettaffaan dhagna qabadhe, sanyii Israa'el, gosa Beniyaamin keessaan dhaladhe. Abbaan koo fi haati koo Ibiroota waan ta'aniifis ani Ibiricha makaa hin qabne dha; karaa seera eeguu immoo ani warra fariisotaa keessaa tokko... Amma garuu Kiristoosiif jedhee, wanta bu'aa anaaf qaba ture hundumaa akka waan gatameetti lakkaa'eera."
2.- lubbuu ofii isaa illee tuffateera. HoE 20:24 yoo dubbifne, Phawuloos biratti gatii kan qabu jireenya (jiraachuu isaa) otuu hin ta'in isa itti waamamee fi ergaa isa harka jiru iddoon gahuu dha. "Haa ta'u iyyuu malee, hojiin wangeela ayyaana Waaqayyoof dhugaa ba'uu, gootaa Yasuus biraa anatti kennameera. Ani immoo ergaa koo fi hojii koo kana raawwachuu duwwaa nan barbaada; kana irraa kan hafe jireenya koo akka waan gatii anaaf qabuutti hin lakkaa'u."
Jireenyi isaa kun immoo Gooftaa Keenya Yasuusii wajjin wal isa fakkeessa. Yasuus, (Yoh. 4:34 )"Nyaanni kan koo jaalal isa na ergee gochuudhaaf hojii isaa raawwachuu dha" jedhe.
Kana irraa kan ka'e immoo dhuma irratti, "Wal'aansoo isa gaarii sana dhaabadhee qabeera; dorgommee koos raawwadheera, amantiis eegeera. Kanaa achis gonfoon qajeelummaa anaaf kaa'amee jira; gooftichi abbaan firdii inni qajeelaan guyyaa sanatti gooftichi anaaf in kenna; ana duwwaaf otuu hin ta'in, warra deebi'ee mul'inatti dhufuu isaa jaallatan hundumaafis in kenna."(2 Xim. 4:8)
Fiigichi kee maal si Argachiisa?
(Mata dureen kun bu'aa dhamaatii keenyaa akka xiinxallu kan nu gargaaru dha.)
Fiigichi adeemsa ariitiidhaan of fuul-duratti godhamu dha. Fiigichi fakkeenya adeemsa jireenyaa, tajaajilaa, hojii, dubbii, yaadaa fi mul'ataa ti. Fiigicha jennee inni nuti ilaalluu dhamaatii waan dheebonnu bira gahuuf goonu.
Safisi fiigicha namaa yeroo baay'ee dheebuu waan bira gahuu barbaaduu ykn immoo jibba/sodaa waan jalaa bahuu barbaadu irratti qabuun murteeffama. Namni yeroo waa jalaa baqatu humnaa fi dandeettii qabu maratti fayyadamee fiiga. Akkasumas immoo namni yeroo dheebuun waan tokkoo isa keessa guutu, akkuma kana humna qabu hin qusatu.
Egaa mata dureen "Fiigichi kee maal si argachiisa?" jedhu kun "inni ati yeroo, human, qalbii, yaada garaa kee, qabeenya kee, bara kee, kkf laatteef kun maal biraan si gaha jechuu dha. Mata duree kana jalatti waa'ee dhamaatii goonuu qofa otuu hin ta'in, wanti dhamaanuuf maal biraana akka nu gahuu danda'u kan keessatti xiinxallee of ilaallu ta'a.
Gosa fiigichaa: mul'ataa fi dhokataa. Yeroo baay'ee fiigicha fiinu namoonni beekuu hin danda'an. Yeroo biraas namni waan tokkoof otuu fiiguu garuu namoota biraatti immoo waan kan biraa mul'isuuf carraaqa. Fakkeenyaaf,
Gihaaz na'oo nama Waaqayyoo Elsaa'i ture. Yeroo isaa guutuu kennee nama Waaqayyoo kana tajaajila. Kanaafuu gaafa namoota duratti ilaalamu fi gaafa Elsaa'i isa ilaalu Gihaaz nama muratee hojii Waaqayyoof bahe fakkaata. Haa ta'u iyyu malee garuu, fiigichi isaa horii wajjin, qabeenyaa wajjin, badhaadhummaa wajjin, maqaa wajjin, hiyyuma jalaa bahuu wajjin wal hidhataa fakkaata.(2Moot. 5:15-27). Dheebuu garaa isaa keessaa jiru guuttachuuf:
- Yaada nama Waaqayyoo irratti ka'e ('siirri miti' jedhe); (20)
- Soba dhugaa fakkeessee dhiyaate (21)
- Waan hojjete immoo in dhokse (25)
- Elsaa'iin kan dhibu waamicha isaa akka ta'utti fiixaan baasee Isiraa'el keessa Waaqayyo akka jiru mul'isu yoo ta'u Gihaaz keessa immoo carraa waamicha Elsaa'i qabuutti fayyadamee qabeenyaa kuufachuu dha.
Haa ta'u iyyuu malee, inni kun fiigicha garaa isaa keessatti mo'ee jiru malee isa namni alaan irratti beeku miti. Hamma gaafa Waaqayyo isa saaxiluutti, Gihaaz dhoksaatti waan inni adeemuufii fi wanti inni mul'inatti hojjetu wal hin fakkaatu ture.
Yihuudaanis akkasuma garuu guyyaan gaafa dhufu wanti innii dhoksaatti fiiguuf waltajjii irratti isa salphise. Kana irraa kan ka'es waamicha itti waamame kabajuu hin dandeenye.
Yaa obboloota ko, namni waamichas yoo qabaate, ayyaannis yoo kennameef, dhibatnis yoo irra jiraate, yoo kaayyoon fiigicha isaa hin qajeelfamne lafa gahee dhaabatu qaba.
Gi'aaz, Yihuudaan, Saa'ol akkasumas namoonni waamicha qaban garuu wanti isaa jireenya isaanii kennanniif immoo isaan galaafate baay'ee argina. Namoonni ayyaanni Waaqayyoo baay'ateef akka saa'ol, akka Yihuudaa garuu kaayyoon jireenya isaanii inni hin sirreefamni isaan miidhes jiru.
Saa'ol irratti dibatas ni argina. Saamsoon irratti humans ni argina. Kanaafuu, galma ga'uu keenyaaf ayyaana, waamicha fi dibata argachuun keenya qofti gahaa miti. Haa ta'u iyyuu malee kanyoo fiignuuf sirriitti haleellee beekuun barbaachisaa dha.
Maaliif fiigaa jirraa? maal inni nu bite? Maal inni nu fudhatee deemaa jiru. Inni nuti isaaf jennee, ayyaana Waaqayyoo, waamicha isaa fi dibata isaatti dhimma bahaa jirru maali? Isa Waaqayyo barbaadu moo isa ofii barbaannu? Isa itti waamane moo isa ofii dheebonnu?
Yeroo baay'ee fedhiin keessa namaa yaada Waaqayyootiin yoo hin qajeelfamu ta'e, faallaa waamicha keenyaa akka jiraannu nu godha. Isa kana mo'achuuf wal'aansoo jabaa fi itti fufaatu nu barbaachisa. [Yasuus xoofoon dhiphinaa akka isa irra darbu otuma barbaadu garuu fedha Abbaa isaatiif of laate.]
- Simihoon (HoE.8:8-22 ) dibata guddaa,Human Hafuura Qulqulluu, barbaada ture. Haa ta'u iyyuu malee ittiin Waaqayyoon gammachiisuu ykn immoo ittiin Wangeela babal'isuuf miti. Ittiin maallaqa argachuuf hawwa.
=>Gi'aaz carraa nama Waaqayyoo wajjin jiraachuu isaatti fayyadamee qabeenyaa kuufachuu barbaada.
=>Yihuudaan carraa bartuu Gooftaa ta'uu isaatti fayyadamee, horii saama, horii maddisiisuuf galgalaan Yasuusiif bartoota warra kaan jalaa miliqee adeema.
- Inni garaa isaa keenya keessatti mo'ee jiru ulfina itti waamame isa gachisiise.
Inni nu keessatti mo'ee jiruu fi kaayyoon jireenya keenyaa isa waamicha, ayyanaa fi dibata Waaqayyoo nu gachisiisu moo yks isa ulfina waamichichaa fi ayyanichaa nu argachiisu dha laataa?
Abriham Waamicha qaba. Kaayyoon garaa isaa keessatti mo'ee jirus waamicha Waaqayyoo ti. Inni waamicha Waaqayyo isaa godheef nama ulfina kennu ture. Loox garuu firooma ilaalee deema. Kan inni ilaalu 'Attam godheen wasiila koo qophaa biyya hin beeknetti gad-dhiisa?' Tarii yoon isaa wajjin adeeme carraa gaariitti yoo inni bahe anis fayyadamaa ta'aa lata...?' jedhee waan duukaa ka'e fakkaata. Inni garuma adeemutti egaa carraa ittiin 'waa ta'u' barbaaddata.
Kanaafuu gaafa Abrihaam filadhu jedhe, 'Eessa jira Waaqayyo?' hin jenne. Ariifatee lafa magariisa filate. Kaanyyoon adeemsa isaas kanuma waan ta'eef. Haa ta'u iyyuu malee fiigichi inni akkas of gatee fiige kun dhuma irratti harka qullaa isa hambise. Araamummaa sanyii isaa keessatti fide. (Uum.13:7-13).
Yaa saba Waaqayyoo, mee gaaffii muraasan isin gaafadha? Fiigaa jirraa? Isin fiigaa jirutuu?___.Maal of fuula durattu ilaaltanii?___ Hojjechuun, guddachuun, barachuun, duroomuun, beekamuun, ...(kan biraas itti dabaladhaa) gaarii dha. Garuu maaliif? Isa booda hoo? Inni moo dabaree isaa maalitti isin kenna?
Yeroo tokko tokko Waaqayyo irraa dhageenyee deemsa jalqabuun keenya nu gowoomsa. Waanuma Waaqayyo waan goonu hundumaatti gammadu nutti fakkaata. Akkuman sila jedhes ayyaanaa fi dibata Waaqayyoo irraa argachuun keenya kaaruma sirrii irra waan jirru nutti fakkeessa. Mitii? [Mucaan kun barsiisa akkamii keessa gale? hin jedhinaa]
Mee fakkeenya haadha manaa Loox haa fudhannu. Ergamoota isaa mana isheetti ergee biyya balleeffamuuf jedhu keessaa kan maatii ishee wajjin ishee baase eenyu? Yoo ergamoonni Waaqayyoo dadhabii ishee gargaaranii biyya baduuf jedhu jalaa ishee baasan ta'e illee, inni qalbii ishee keessatti mo'ee jiru garuu karaatti ishee hambiseera.(Uum.19:15-26).
Saa'oliin kan waame eenyu? Dibata mootummaa kan irratti dhangalaasisee, Isiraa'el keessatti mootii isa jalqabaa akka inni ta'u kan godhe eenyu? Akka inni dhaqee warra Amaaleqiin fixuuf kan erge eenyu? Waaqayyo miti? Garuu maal godha ree, gola qalbii Sa'ol keesssa inni jiru ammayyuu ayyaanichaa fi waamichichaaf hin jilbeenfatin jira. Kanaafuu fiigichi isaa inni guddaan waamichichaaf otuu hin ta'in isa qalbii saa keessa dhokatee jiru, dheebuu barootaaf qabu sana guuttachuuf. Kaayyoon jireenya keenyaa kaayyoo waamicha keenyaaf jilbeenfateeraa? Akka phawuloos, "Maal akkan siif godhu feeta yaa Gooftaa?" jedhe.
Phaawuloos waa'ee warra dorgee dorgomanii yeroo dubbatu,"Isaan isa coolliguuf fiigu fiigu jedha. NUTI GARUU isa hin badneef" jedha.(1Qor.9:24-27)
- Jireenya namootaa keessa, akka sagaleen Waaqayyo ibsutti:
1. Kaayyoo malee fiiguun jira---qilleensa habootuu ittiin jedha phawuloos
2. Kaayyoo sirrii qabatanii karaa sirrii malee adeemuun jira---Irraa kaachuu
3. Karaa sirrii qabatanii garuu kaayyoo dogongoraaf adeemuu---fakkeessuu
4. Karaa sirrii irra kaayoo sirriif adeemuu--- Gonfoo ulfinaa kanatu nama argachiisa.
Fiigichi kaayyoo sirriif karaa sirrii irra godhamu baay'ee nama dadhabsiisa. Fallaa baay'oliis yeroo itti nama fiigsisu qaba.
=>Heenok bara isaa keessa akkasitti jiraate (Um.5:25) "Henok karaa isaa irra deddeebi'uudhaan Waaqayyoo wajjin jiraate; Waaqayyo waan isa fudhateef deebi'ee achitti hin argamne".
- Heenok lallaba baay'ee hin lallabne, raajii baay'ee hin raajine, faarfannaa gummaaches Macaafa Qulqulluu keessatti hin arginu, hojii inni hojjete kan namoota duratti beekamu tokko illee hin jiru.
- Haa ta'u iyyuu malee waa'ee isaa Macaafni Qulqullun, deemsa (fiigicha jireenyaa) isaa Waaqayyoo wajjin godhate jedha.
- Deemsa deemu hundumaa keessatti Waaqayyoon of fuula duratti ilaalee, isa dhaggeeffataa, isaaf of bichisiisaa jiraate jechuu dha.
- Henokiif karaan sirriin karaa Waaqayyoo ture.
Yeroo tokko tokko karaan namootaa, karaan warra 'baratan', 'qabu', 'beekamoo dha', 'tajaajiltoota' jedhamanii karaa Waaqayyoo nu harkatti rakasiisa. Isaantu nu dura dheeratee dhaabata. Sababni isaa immoo nutu caalchisee isaaniin ofitti dhiyeesse. Kana irraa kan ka'es, karaan Waaqayyoo wallaalummaa, gowwummaa, boodatti hafummaas nutti fakkaata.
Nohis jireenya faallaa jiraate. Kun immoo bara badiisaatti jireenya isa argachiise. Kaayyoon fiigichi keenya bara badiisaa nu oolchaa laata?
Deemsaa Phawuloosii wajjin Wangeela fudhatee bahe(Qol.4:14). Tarii carraa hojii kan biraa dhabee laata? Tasaloonqeetti baaka hojiin qarshii baay'ee nama argachiisutu argame. Attam godhee bira haa darbu ree?(2Xim.4:9-10) Waan barbaadutti bahe waan ta'eef nama mul'ataa biraa achumatti hafe.
==>Yoo kaayyoon adeemsa keenyaa mul'ata qabannee deemnuun wal hin fakkaatu ta'e, wanti warra mul'ataa fi mul'aticha biraa nu habisu dafee in dhufa.
Baadiyyaa keessatti yeroo baay'ee sareen namaa wajjin karaa adeemti. Yoo lafa maasii dhaqan, yoo adamoo dhaqan, yoo horii tika dhaqan sareen wajjin deemti. Sarettiin garuu otuma deemanii lafa raqaa yoo gahan bira darbuu hin dandeessu. Siluma iyyuu sareen dhimma midhaan qotuu ykn aramuu, dhimma loon eeguu ykn dheechisuu hin qabdu. Kanaafuu, raqa biratti hafti.
Nuun maaltu Gooftaa nu waamee fi waamicha itti waamamne biraa nu hambisa lataa? Uffee, amma bira gahe silumayyuu kanan barbaada kan nuti jennu maaliin lata?
Warri kaayyoon waamicha isaanii fi inni isaan waame isaaniif gale akka Daawit jireenya dinqisiisaa jiraatu. Dawit,
=> "Borofni...lubbuunkoo akkasuma si yaaddi, Yaa Waaqayyo!...Yooman dhufa, Waaqayyo koo durattis yooman argama?" jedhe (42:2). Kan isaa dheebuun mootii ta'uu, beekamaa ta'uu, qabeessa ta'uu, kkf miti; inni Waaqayyo biraa waan murameef in ta'a--warrumti kaanuu mootii kan ta'an jiru waan ta'eef Daawwitiif kun homaa miti. Garuu fiigichi Daawiti Waaqayyo bira gahuuf.
=> Bakka biraattis, " 'Gara mana Waaqayyoo dhaqna!' yeroo anaan jedhanitti, ani nan gammade" jedha(122:1).
=>Iddoo biraatti immoo, "Iddoo biraa guyyaa kuma tokko ooluu irra,oobdii kee keessa guyyaa tokko ooluu wayya- goota jal'inaa keessa taa'uu koo irra, balbala mana Waaqayyoo koo dura ijaajjuu nan fo'adha." jedha(84:10).
=>Kana qofa miti. "Ani Waaqayyoon waan tokkicha nan kadhadha,isas argachuu nan barbaada; innis, bara jireenya koo hundumaa mana Waaqayyoo keessa jiraachuu, gaarummaa Waaqayyo hojjetu ilaaluu, mana qulqullummaa isaa keessattis isa yaadachuu" jedha(27:4).
Anaa fi isiniin wanti qalbii keenya dhuunfatee jiru maal laata? Wanta goonuu fi yaadnu, waan dhamaanuuf keessatti Waaqayyo iddoo attamii qaba laata?

Yasuus in dhufa. Isa nuti hojjenne hundumaa in madaala. [As irratti na hubadhaa, garii hojii keessanitiin fayyina, jedheen ayyana Waaqayyoo salphisaa jira miti.] Garuu amantootaaf badhaasi jira. Akka Phawuloos jedhutti, hojiin nama hundumaa abiddaan qoramee ilaalama.(1Qor.3: 11-15) "...Namni warqeedhaan, meetiidhaan, dhagaa gati-jabeessaan, yks mukaan, citaadhaan,hoffaadhaanis hundicha irratti in ijaara..." yoo ta'e kan qoru abiddicha. "Hojiin namichaa yoo duraa gubate garuu inni gatii isaa in dhaba; haa ta'u iyyuu malee ofii isaatii akka nama ibidda keessaa ba'eetti in oola" Yoo hojiin keenya abiddicha keessa nuuf darbe itti badhaafamna. Yoo kanaachii immoo akka nama qullaa isaa mana gubate keessaa bahee baqatuutti oolla.

Lallaba Waldaa Amantoota Biiftuu Boleetiif dhiyaate (26 Adoolessa 2009)Sanabata Guddaa


 

Waaqayyo isin haa eebbisu!

 

Fuula kana daawwachuu keessaniif galatoomaa!

 

 

yaada ykn gaaffii yoo qabaattan nu qunnamaa:

 

Takiluu T. Guutaa

 

E-mail: [email protected]

 

 

 
 

Waaqayyo si jaallata
Waaqayyo si jaallata

Ati Eessa?
Ati Eessa?