Sagalicha Dhiigicha Hafuuricha

Header Image  

The Word the Blood the Spirit

    

 
 
 

 
 
"Garbummaa" fi Itti gaafatamummaa adda baafadhu!

Hiriyaan jaalladhu tokkotu, Marabbaa Ulfinaa, gaaf tokko e-mail naaf erge tokko keessatti, "Mee seenaa kana keessaa (Luuqaas 15:11-2) maal argita: seenaan ilma badee deebi'ee yeroo yaaddu, mucichi maaltu akka inni mana abbaa isaatti deebi'u isa godhe? Ani yeroon ilaalu jaalaluma jedheen dhiise..." naan jedhe. Anis yeroodhuma sana irratti yeroo fudhadhee ilaaluuf yoo naaf hin tolle ta'e illee, yeroo torban lama hin guutne keessatti, Waaqayyo yeroo fi qalbii isaa naaf kennee jennaan ilaaluuf ka'e. Yeroon itti jalqabes hirribaaf sirree ergan seenee booda, deebi'ee siree keessaa ka'eeni ture (Halkan walakkaa booda sa'a 2:15tti).


Gara Seenichaatti yeroo deebinu: dhuguma dhimmichi dhima dhoksaa jaalalaa ni agarsiisa. Sababni isaa, abichi mucicha ni jaallata, ni yaadaaf, ni qanansiifatas. Utuu kana ta'uu baatee yeroo inni karaa ofii isaa irra buhee deemuuf jedhe illee hiisisee, waardiyaa itti ramadee, horii dhowwatee mana tursa ture. Haa ta'u iyyuu malee, jaalalli jireenya isaa keessatti hunde qabeessa waan tureef, ilma isaatiifis yaadaa fi fedha gaarii waan qabuuf, 'mee tarii ilmakoof wanta caalutu argame taanaan, isa mana koo keessa jiraatu caalaa of fooyyessuu fi guddachuu danda'a taanaan, tarii bulichiinsi koo bulchiinsa haqaa itti fakkaachuu dide taanaan, jaallalli abbummaakoos hiikkaa kennuufii dide taanaan,... dhaqee haa ilaalu" jedhee wanta mucichi gaafate--qooda ofii isaa--- kenneefi.

Mucaan kunis otuu gara murtoo kanatti hin dhufin duraan, qalbii isaa guddisee ala irra naannesseera. Jiraachuu/jireenya ijollee "alaa" argeera, yoodhuma akka isaan itti jiraatan xiinxalee hin ilaalle ta'e iyyuu jechuu dha. Jireenyi "ala jiraachuu" kun immoo isaaf jireenya "bilisummaa" ta'ee itti mul'ateera. Sababiin isaa "jireenya itti gaafatamuu qabu/'accountable' ta'e jiraachuun" jireenya garbummaa jiraachuu itti fakkaatee ture. Kana jechuun yaad-rimee yaada isaa keessatti harkaa wal dahetu jira ture jechuu dha. "Garbummaa" fi "itti gaafatamummaa qabaachuun" harkatti wal dhaheera.

Asirraatti, akka nuufis ifuuf, garbummaan jireenya ofiif hin taane jiraachuu yeroo ta'u, "itti gaafatamumman" immoo jireenya "ulfinatti nama baasu" keessa jiraachuu dha. Kanan akkas jedhee hiikuuf, namni itti gaafatamummaa isaa beekee akkasitti jiraatu, gaafa itti ilaalamuun dhufutti, badhaasa "qajeeltummaa" argata. Jechuunis, "bulchiifni kee, geggeessan kee, hojiin kee, ilaalchi kee, hariiroon ati namootaa wajjin qabdu, akkaataan ati dunyaa/leecaalloo sitti kenname hojiirra oolchitu... qajeeltoo dha" ittiin jedhama jechuudha. Mucicha harkaatti kanattu wal-duraa makatee jennaan, "Gorsa fudhatee akka hin sirreeffanneef immoo 'anatu beeka, naaf galeera, hundumaa argee dhaga'ees quufeera' jechuun keessa isaatti mo'ee waan tureef gorsa dhiyaateef laphee banamaan fudhachuu hin dandeenye.

Abbichi immoo abbaa baay'ee sirna miraga namaa eeguun bulchu ta'ee mul'ata. Jaalalli hin jiru taanaan, walitti dhufeenyi maatummaa waan mancaafamuuf waanta inni fedhu itti keennee iddoo inni itti barsiifamutti isa erguutu irra ture. Dirqisiisanii mucaa qalbiin isaa "ala hawwaa jiru" kana mana kaa'uun, reeffa isaa ilaaluuf yoo ta'e irraa kan hafe, mucichi maatii fi maasi abbaasaa keessatti waa hojjettee bu'aa buusuun isaa qabatamaa miti. Inumaayyuu, tarii obboleessa isaa fi namoota maaticha keessa jiran akkasumas garboota abbaa isaa gidduutti sanyii dhibaa'ummaa isa guddinaa fi tokkummaa manichaa miidhu 'horsiisuu' danda'a. "itti gaafatamummaa" qabaachuu nanmni "garbummaatti" lakkaa'u ga'ee isaa qixa gaariin bahuutti ni rakkata.

Kanaafuu, jireenya garbummaa itti fakkaate kana jalaa baqachuuf jedhee, waan boriif isaaf taa'u, waan bor itti dhalaafii fi itti guddachaafii adeemu, har'a fudhatee karaa irra bu'e. Egaa wanti inni fudhatee karaarra bu'e kun, "akka damee jirma irraa citee" ta'e. Akka lalisetti harka turuu hin dandeenye. Dhuma irratti immoo "daaraan isaa" iyyuu qilleensaan harkaa fudhatame. Itti 'gaafatamummaa garbummaatti lakkaa'uun' dhabuun qabeenyaa kunuunfamuu, guddifamuu fi hedduu of biraan quufsuu danda'u 'daaraa badde' godhe.

Itti gaafatammummaa/ accountablity qabaatee nyaataa fi uffata jireenya biraaf otuu hin yaadda'in aboo ilmummaa qabuun iddoo boriif dhaala eeggatuu bahee ti, iddoo nyaata qofaaf 'of gurguree' jiraatutti harka kennate. Kanumaayyuu, utuu sanyii nyaata isa mana abbaa isaa keessaa argatuu argatee hoo? Innumtuu immoo haa hafuu, utuu nyaata namoonni kan biraan nyaatanii ittiin jiraatan argatee hoo? kunumtuu immoo haa hafuu utuu isuma boyyeen nyaattu sanaan immoo garaa isaa guttachuu danda'ee hoo? Kun hunduu gaafa dhibu, uffatnis gaaf irratti cirmu taa'ee yaade. Namni garaa hamma tokko ni dhokfata, uffanni garuu nama nama argu hundumaatti nama mul'isa. Uffatta ofirraa dhabuun immoo qorraaf, guba aduufis, ciniinnaa ilbiisota garaagaraafis nama saaxila. Ulfina namarra jiru ofirraa dhabanii, ofii ofiitiin of tuffachuu fi gadoo namarra jiru ofiirratti mirkaneessuutti nama geessa. Xiin-sammuu fi ilaalcha namni ofiif qabu irratti dhiibbaa uuma. Kitaaba Qulqulluu irraa yoo of yaadachiifne, Addaamii fi Hewaan qullaa ta'uu isaanii gaafa baran, ilaalchi isaan ofii qaban yeroosuma miidhame. Utuu "duuni inni jedhame" qaamaan itti hin dhufin, "qullummaan jireenya isaanii isa du'aaf" gurgurame itti agarsiise. Kana jalaa miliquuf walii isaanii baqatan, baala (kan saafaa tokko bira namaaf hin dabarre) ofitti qabatan, Waaqa Isaanii (Abbaa isaanis) ni baqatan. Gaafa gaafatamuus, "qullaa koon ta'e" jedhe Addaami.

Egaa mucichis yeroo beellii fi qullaa buusuu (daaruun) kana biratti immoo "garbummaan" itti cimu, "taa'ee yaade". Gara qalbii isaatti deebi'ee yeroo ilaalus, akka nama hirriba keessaa dammaqee, "maalan ta'ee?" jechuutti isa fide. 'Filannoo ani filadhe kana namni nagaan filachuu hin danda'u! Wanti ani ofiin of irratti fide kunis maali?' jedhee yaaduu gaafa jalqabu, "irraa hafaa ta'uu" jireenya mana abbaa isaa yaadate. Mana abbaa isaa keessa, nama hundumaaf jireenya irraa hafaatu jira. Ilma isaa otuu hin ta'in, namoonni 'alaa' iyyuu gara mana abbaa isaa dhufanii 'nyaata irraa hafaa argatu'. Mucaa qalbiin miidhe kana qofaatu, 'qola booyyeen nyaattu illee hawwee dhabe malee'. Hammam ga'ee ofii isaa qooddatee yoo deeme illee, amma iyyuu manni abbaa isaatiin hin hiyyoomne. Amma iyyuu jireenyii irrumaa hafaadha. Kanas haleelee hubateera.

Kaanaaf, 'yoon deebi'e" garbicha ta'ee garaa koo guuttachuu nan danda'a' jedhee yaade. Amma yeroo kana yaadu, hiikkoo garbichaa inni sirriin galeeraaf. Jireenyi inni jiraate kana isa barsiiseera. Garbichi dhaala eeggatu hin qabu. Waan amma nyaatamu iyyuu ittiin hojjechuuf nyaata. Mucichis kanaaf jedheeti, "iddoo ilmummaan jiraachuu” akka of duraa gatetti hubatee, amma iddoo garbumaa (dhaalaa fi maqaa malee jiraachuu) dhaqee abbaa isaa akka kadhatu murteeffate. Ammaa booda, kaayyoon isaa beelaan du'u ooluu fi nyaatee garaa guuttachuu qofa ture.

Mana abbaa isaa garuu, nyaata duwwaatu jira utuu hinta'in, garaan abbaa isaa jaalalaanis guutuu dha. Iji abbaa isaa amma illee yoom deebi'a mucaan koo, eessaan deebi'a jedhee karaa ilaala. Abbaan isaa akka innumtuu abdii ofiif kutattetti garaa hin kutanneef. Akka inni haalaan of macheessee, 'horii hamma dhumaatti isa jiraachisuu hin dandeenye' fudhatee karaarra bu'e, qalbiin abbaa isaa bareera. Kanaaf, abbaan karaa eega. Garaan isaa jaalalaan guutuudha, garaan isaa baay'ee oo'aaf. 'Utuu deebu'ee nan si madha mucaakoo' jedhedhee yaada.


Kanaaf yeroo ilmi isaa dhufuu isaa argu, amma illee utuu inni as hin dhiyaatin, "argee, itti fiigee, hammatee, simate. Isa booda, uffata isaa jijiireef, kakuu dhaala isaas haaresseef, deebi'uu isaattis gammadduu isaa agarsiisuuf affeerrii guddaa qopheesse'.


Mee asuma dhaabannee, Isa Waaqayyo waa'ee saba isaa jedhe haa dubbifnu, Hose 11:8 'Yaa Efreem, attam godheen si dhiisaa? Attamittinis si balleessaa?... garaan koo ana keessatti raafame'

kun kan agarsiisu, ‘balleessaan jiraachuun isaa sirriidha, addabbiin balleesicha hordofu siif maluun qajeelummaadha. Garuu jaalalli ani siif qabu immoo dheekkamsa koo duubatti harkisa!’ jechuu isaa ti.


"Baay'inni jaalalaa cubbuu haguuga' kan jedhus jira mitii ree? 'Waaqayyo guutummaa namoota biyya lafaa keessa jiranii waan jaallateef, tokkicha ilma isaa kenneef; isatti kan amanus jireenya bara baraa qabaata' jedha mitiiree wangeelichi (Yoh.3:16)

Har'a iyyuu cubbamoota gara Isaatti deebi'an simachuuf Waaqayyo qophaa'aadha. Deebi'uu fedhuu isaanii fi tarkaanfii deebi'uu isaanii agarsiisu gochuu isaanii qofatu eegama. (HoE. 2:38; 3:19; 8:22; 17:30; Mul.2:5; 3:19)


Fakkeenya kana (Luq.15) Gooftaa keenya Yasuustu, hammam Waaqayyo cubbamoota, cubbuu isaaniitti gaabbannii, gara Isaatti deebi'anitti akka gammadu, akka jaalala ho'aadhaanis isaan simatu hubachiisuuf dubbate'.

Yeroo nuti, 'akka abalufaatti jiraachuun barbaada, bilisummaanan jiraadha, waanan barbaaden godha, akkan barbaaden bahee gala, fedhii koon guuttadha...' jennu, akka waan mana Isaa keessatti humnaan nu ittisuu hin dandeenyeetti Waaqayyo fedha guutuu fi mirga guutuu nuuf kenne. Garuu Issa malee immoo aakka nuti hin jiraanne beeka. Inni nuti ilaallee itti fiigne, akka 'habaqii' akka ta'e, 'bilisummaa' inni nutti fakkaates akka beelaa fi qullummaa guddaaf nu saaxilu arguu hin dhabne. Haa ta'u iyyuu malee, akkuma Inni ofii Isaatiin jaalalaan ofitti nu butuu barbaadu, nutis jaallannee akka Isaa Wajjin jiraannu Waaqayyo barbaada.

Aboo mucummaa argannetti gammadaa, dhaala nuuf kaa'amee jiru abdachaa, mana Isaa keessa jiraachuu keenyaan wantoota jireenyaaf nu barbaachisan Inni, guyyaa guyyaatti, nuuf dhiyeessutti gammadaa akka nuti jiraannu barbaada.

Gabaabaadhumatti, WAAQAYYO NU JAALLATA, HAALA KEESSA JIRRU KAMUU KEESSAA IYYUU ARIIFANNEE QALBII DIDDIIRRANNAADHAAN YOO GARA ISAATTI DEEBINE, JAALALA HO'AADHAAN NU SI MATA!

Waaqayyo akkas jedheera kaa, "Maaliif duutuu.. ani du'a nama cubbamaatti hin gammadu, yaada garaa keessanii geddaradhaatii jiraadhaa!" Iziq.18:32




 

Waaqayyo isin haa eebbisu!

 

Fuula kana daawwachuu keessaniif galatoomaa!

 

 

yaada ykn gaaffii yoo qabaattan nu qunnamaa:

 

Takiluu T. Guutaa

 

E-mail: [email protected]

 

 

 
 

Waaqayyo si jaallata
Waaqayyo si jaallata

Ati Eessa?
Ati Eessa?