Sagalicha Dhiigicha Hafuuricha

Header Image  

The Word the Blood the Spirit

    

 
 
 

 
 
Waaqayyo qajeelummaa Isaatiin Hojiif si waameera!

Isa 42:6-9 (Audio, sagaleedhaan)

Amanamummuu dhabuun namaa amanamummaa Waaqayyoo hin hambisu. Cubbuu fi Waaqayyoo irraa fagaachuun miidhamatti dabarsee nama kenna,araarrii fi amanamuummaan Waaqayyoo garuu iddootti nama deebisa.

Hojiin guddaan itti Waaqayyo ijoollee Isaa waame akka isaan ija warra jaamotaa banan dha. Kunis warri karaan harkaa badee, Waaqani dhugaanii fi waaqeffannaa dhugaan harkaa badee jiraatan akka isaan daandii isa sirrii argatan gargaaruu dha. Kanaanis Waaqayyo ni galateeffama.

Wanti jireenya namaa hidhuu danda'u baay'ee yoo ta'e iyyuu humnii fi sagaleen Waaqayyo biraa ijoollee isaatiif kenname, hidhaan namoota irraa ni hiikama.
Kanaafuu, haala kee kamuu dhiiftee Waaqayyoon dhaggeeffachuudhaanii fi amanachuudhaan moo'icha ni argatta.

Guutummaa lallaba kanaa dhaga'uuf mee asii fudhadhaa tii dhaggeeffadhaa!


 

Waaqayyo isin haa eebbisu!

 

Fuula kana daawwachuu keessaniif galatoomaa!

 

 

yaada ykn gaaffii yoo qabaattan nu qunnamaa:

 

Takiluu T. Guutaa

 

E-mail: [email protected]

 

 

 
 

Waaqayyo si jaallata
Waaqayyo si jaallata

Ati Eessa?
Ati Eessa?