Sagalicha Dhiigicha Hafuuricha

Header Image  

The Word the Blood the Spirit

    

 
 
 

 
 

Waaqayyo si beekeeraatii Ka’i!(Audio)

 

Erm. 1:5-8,17

Kutaan kun isa Waaqayyo Ermiyaas raajichatti dubbatu dha. Waaqayyo utuu ati hin uumaminan si filadhe, addas si baase, akka raajii taatuuf immoo si muudeera ittin jedha ture.

Yeroo baay’ee haalonnii fi naannoon nuyi keessa jiraannu waa’ee keenya kan isaan dubbatan isa kan Waaqayyoo wajjin tokko miti. Namni waanuma keessa jiru irra dhaabatee sagantaa fi karoora ofiif baasa. Ermiyaasis akkuma kana, haalli inni keessa ture, kan deggaree hojii itti Waaqayyo isa waamaa jiru kanaaf isa qopheessu hin turre. Ilaalchii inni ofiif qabu kan tajaajila kanaaf ga’umsa hin qabne ta’uu isaa ti.

Ermiyaas waan inni deddeebi’ee dhaga’aa fi argaa guddate, kan hamilee isaa buusu malee kan kaka’umsa keessatti uumu miti. “Fact” wanti jedhaman tokko tokko illee ilaalcha nuyi waa’ee Waaqayyoos ta’e waa’ee keenya irratti qabnu to’ata. Waaqayyo garuu isa “fact” jedhamu hundumaa gararraa dha.

Namoonni abaaramaa fi arrabsamaa guddattan—yeroo dheeraaf kana dhaga’uu isaanii irraa kan ka’e--- akkuma sanatti of ilaalaa jiraatu. Kun immoo amantaa keenya isa bu’uuraa irratti illee dhiibbaa qaba.

Waaqayyo yeroo waan tokko namatti himu akka nuyi kallattii sanaan of qopheessinuuf malee akka nuyi jabina ofii keenyaatiin isa Inni jedhu sana goonuuf miti. Waan hundumaa kan godhu Waaqayyo dha.

Waaqayyo nama ilaalee, waan namni tokko qabu/beeku/shaakale, irra dhaabatee kan nama waamu miti. Gaaruu Inni “utuu ati hi uumaminan si beekee si fo’adhe” jedha! Utuu ati hin tolchamin Waaqayyo waan itti si tolcheef beeka ture! Kanaafuu, tajaajilli kee kan waan amma ati gootu irra dhaabatee murteeffame otuu hin taane, kan Waaqayyo duraan si irratti hojjetee jiru dha.

Kanaafuu, sababoonni nuyi jireenya keenyaan wal qabsiifnee dhiyeessinu kamuu—inni nuyi naannoo keenya irraa dhageenye—yaada Waaqayyoo hin daangessu!

Hojii nu keessatti hojjetamuu qabu, kan karoorsee fi kan sirreessu Waaqayyo dha. Namni Waaqayyoo garuu gara isa Waaqayyo ilaaleetti deemuu, waan Inni jedhe gochuu fi Isaaf abboomamuu qofa barbaada! Kun immoo amantii Isa irratti qabaachuu qofa kan barbaachisu dha!

Seer-bu’uuraan Waaqayyoo, akka Waaqayyo yeroo hundumaa nuu wajjin jiraatee nu oolchu amanuu dha!

Isa Waaqayyo nutti dubbatu calaltuu/gingilchaa mataa keenyaan adda baasuu dhiifnee, abboomamuu dhaan gochuun baay’ee barbaachisaa dha. Kanaafuu, karaa Waaqayyo isin amaleeffachiise Isa dhaga’uu fi Isaaf abboomamuun amantii sirrii dha.

Namni kan inni dhagaa dubbachuu dadhabuuf, Waaqayyoon caalaatti nama sodaachuun yeroo isa keessatti mo’ee jiraatu dha. dhugaa dhoksuun garuu nama adabsiisa(Hisq. 3:17-21`)

Amanamummaan tajaajiluu keessatti wabii inni guddaan Waaqayyoo dha!

Lallaba kana bal’inaan dhaga’uuf ishee kana tuqaa! (please, download the full sermon from here)





 

Waaqayyo isin haa eebbisu!

 

Fuula kana daawwachuu keessaniif galatoomaa!

 

 

yaada ykn gaaffii yoo qabaattan nu qunnamaa:

 

Takiluu T. Guutaa

 

E-mail: [email protected]

 

 

 
 

Waaqayyo si jaallata
Waaqayyo si jaallata

Ati Eessa?
Ati Eessa?