Sabi ko haa Fayyuu

Kutaa dubbusaa: Rom 10:1-11.

HINAAFFAA FI BARBAACHA QAJEELUMMAA

Kutaa kana keessatti, Ergamichi Phawuloos waa’ee fayyuu saba ofii isaatiif kadhata jabaa fi wallaansoo jabaa akka godhu dubbata.
Haala sabni isaa keessa jiru yeroo xiinxalu, hubannaa dhugaa hin taaneen Waaqayyoof akka hinaafan dubbata. Kana jechuun sabichi waa’ee Waaqayyoos ta’e waa’ee waaqeffannaa hinaaffaa qaba. Garuu immoo waa’ee fayinaa ilaalchisee hubannoo sirrii ta’e of keessaa dhaabee jira. Kun Phawuloosiin hedduu gaddisiisa ture.
Phawuloos immoo inaaffaan kan warra Yihudootaa dongongora ta’ee kan inni amma jedhu kun immoo sirrii akka ta’e maalitti bare?
Phawuloos ofii isaatii Yihudoota keessaa ti. Maqaan isaa duraaniis Saa’ol ture. Barumsi inni baratee guddatee fi kan inni barsiisaa tures isuma kan warra Yihudootaa ti. Hubannoo fi inaaffaa warri Yihuudotaa qaban kana fudhatee, warra karaa Yasuus irra deeman ariyataa ture. Hamma gaafa Gooftaadhaan walitti bahuutti, hojiin isaa jabaan tokko kana ture. Yaadi kun immoo yaadaa ykn inaaffaa Saa’ol qofti dhiphummaa dhaan (shaakala ilaalcha biroo kessummeessuu dadhabuutiin) qabaate hin turre. Yeroo sanatti amantaa fi ilaalcha amantichaa adda durummaan bakka bu’anii warra geggeessan irraa waraqaa deggarsaa qaba ture. Sabichi Yesuusiin akka ajjeesan beeka, Isxifaanos gaafa sabaan dhagaan tumamee ajjeefamus achi jira. Sana booda hinaaffa sabi isaa qabu kan ofii isaa godhatee, ergamaa fi angoo waliin amantoota Yasuusiin hordofan gidirsuuf carraaqaa kan ture dha.

Maaliif na ariyattaa?

Haa ta’u iyyuu malee, guyyaa tokko Gooftaa wajjin walitti bahe. Gaaffiin Gooftaan isaaf dhiyeesses “Maaliif na ariyattaa?” kan jedhu ture. Namni Waaqayyoof adda bahee, ‘isaaf lubbuu koo kenneen kabaachisiisa’ jedhee bahe, ija Gooftichaa duratti ariyataa ta’ee of arge. Goofta tu “Maaliif na ariyattaa?” ittiin jedhe. Kana booda Saa’ol maalitti akka jiru of argee kan qalbii diddiirrate. Maqaan isaas booda Phawuloos jedhamu.
Phawuloos nama barate, beekaa, amantaa isaaf kan inaafu yoo ture iyyuu, edaa waan hin galleeftu ture.
Isa jalqabaa Gooftaa dhumaa tajaajillis iyyuu sirriitti hin barre. Isa lammataa inaaffaan hubanno-maleessa ta’e ijaa fi qalbii itti jaamseera.
Innumtuu booda yeroo dubbatu, ” Dur illee ani maqaa balleessaa, ari’achaa, humnaan nama irratti ka’aan ture; garuu amanuu koo dura wallaalummaatti waanan kana godheef, inni araara anaaf buuse…” (1Xim 1: 13-16) jedha.
Kana irraa kaanee yeroo waan ergamichi Phawuloos jedhu ilaallu, waan dubbatu akka inni beekuu fi Saba isaa warra keessaa bahee dhufeef akka yaadda’u ni hubannaa jedheen yaada.
Sabni isaa qajeelummaa argachuu barbaadu. Phawuloosis kanuma barbaacha dhama’aa ture. Barbaachi kun fedhii fi dhamaatii Waaqayyoo Uumaa duratti balleessaa malee ta’anii argamuu ti. Kun yaada gaarii fi barbaachisaa dha. Phawuloos kanaan mormaa hin jiru.(Rom 10:1-2) “Obboloota ko! Yihudoonni akka fayyan garaa koo hundumaan nan hawwa, isaaniifis Waaqayyoon nan kadhadha. Isaan waaqayyoof akka hinaafan dhugaa nan ba’aaf; haa ta’u iyyuu malee, Waaqayyoof hinaafuun isaanii akka hubannaa dhugaatti miti.”

Hubannaa dhugaan Kam?

Lk.3. Qajeelummaa Waaqayyootu Kenna. Namni dhamaatii ofii isaa qofaan Waaqayyoo isa Qulqulluu fi Qajeelaa ta’e duratti of qulqulleessuu hin danda’u. Namni ulaagaa hin guunne tokko carraan ‘ilaalcha addaa’ yeroo godhamuuf yoo fudhachuudhaabaate, dirgommii ala of godha.
Biyyaa keenya keessatti yeroo baay’ee barattoonni qormaata biyyoolessaa erga fudhatanii booda, kolleejjii ykn Yuniversiitii galuu ulaagaaleen ni Bahu. Fakkeenyaaf, baratta dhiiraaf, dhalaaf, barattoota dhiiraa/dhalaa naannolee, guddatoof, barattoota horsiisee bulaa keessaa bahaniif,…. Jedhanii baasuu. Kana jechuun ulaagaan ittiin Yuniversiitii galan xuqaa 3.20 yoo ta’e, barataan ‘ilaalchi adda godhamuuf tokko tarii 2.8tiin galuutu eeyyamamaaf. Kunis barataan kun warra naannoo biraa gadi ta’ uu kan agarsiisu otuu hin taane haala barattoonni sun keessaatti baratantu yaada keessaa galfama. Barataan xuqaa isaa 2.9 ta’e, isa 2.8 qabu irra waan caaluuf of jajee, ani ulaagaa ilaalcha addaa hin barbaachineen ilaalamuun barbaada yoo jedhe Yuniversiitii galuu irraa ofumaan of daangeesse jechuu dha. Yeroo dubbiin Waaqayyoo duratti hojii ofiin qajeelaa ta’uu, safartuu qajeelummaa 100% n darbuu nama gaafata(Lk 5). Haa ta’u iyyuu malee, kennaa qajeelummaa Waaqayyoo dhala namaaf kenne fudhachuun, cubbamoota maraafuu carraa dha.
Phawuloos waa’ee saba isaa akkas jedha,
” Qajeelummaa isa Waaqayyo kennu wallaalanii, qajeelummaa mataa isaanii dhaabbachuu yaalaniiru; qajeelummaa isa Waaqayyo namaaf kennu jalas of hin galchine.” (Rom 10: 3)
Kanaaf hubannaa sirriin, qajeelummaa Waaqayyoo kennu beekuu fi isa jala of galchuu dha.Kun immoo attamitti ta’uu danda’aa?

Nama amanu

” Kristos nama amanu hundumaa gara qajeelummaatti geessuudhaan seericha iddoodhaan in ga’a.” (Rom 10: 4) waan ta’eef, Kristositti amanuun ulaagaa qajeelummaa jala of galchuu dha.
Phawuloos kan inni Saba ofii isaaf hawwuu fi kadhatu akka isaan gara fayinaatti dhufanidha.(Rom 10:9-11 ) “Yesus gooftaa akka ta’e afaan keetiin yoo beeksifte, Waaqayyo du’aa akka isa kaase immoo garaa keetti yoo amante fayyina bara baraa in argatta. Namni garaa isaatti amanee qajeelaa ta’a, afaan isaatiinis beeksisee in fayya. Caaffanni qulqullaa’aan, “Namni isatti amanu hundinuu hin yeella’u” in jedha.”

OFITTI FIROOMSUU

Jabajamoo dubbistootaa, mee ergaa kana kallattii inni itti isinitti firoomu irratti yaadaa. Fedhii Waaqayyoo duratti qajeelummaa argachuu qabnaa? Inaaffaa nuyi ilaalcha ofii keenyaaf qabu kan Gooftichi nuuf jaju moo ykiis ” Maaliif na ariyattaa? ” kan Isa jechisiisu?
Qajeelummaa nuyi qabna jennee yaadnu ykn argachuuf dhamaanu kan fuula Waaqayyoo isa Qulqulluu nudhaabachiisu dha? Akka ittiin fayyinuuf aayyaana (kennaa Bilisumma isa hojii keenyaan hin taane) nuuf kenname beeknee jala of jalchineerraa?WAAQAYYO ISIN HAA EEBBISU!
Takiluu

1 thought on “Sabi ko haa Fayyuu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *