About

Tajaajlli Sagalicha- Dhiigicha- Hafuurichaa bara 2004tti ergaa Jaalalaa namoota biraan ga’uuf hundaa’e. Takiluu T. Guutaa hundeeffama tajaajila kanaatiif nama Waaqayyo itti dhimma bahuu jaallate yoo ta’u, hamma yeroo kanaattis hojii ergaa Jaalalaa kana namoota biraan gahuu irratti bifa adda addaatiin, akkuma ayyaanni isaaf kennameetti hojjechaa jira.

Ergaa Jaalalaa jechuun kuun maal? Waaqayyo namoota jaallatee waan jiruuf  waa’ee jaalala isaa kana namoonni hunduu akka dhaga’an barbaada. Waaqayyo ofuma Isaa iyyuu jaalala akka ta’e Macaafni Qulqulluun sirriitti ibsa.

Maaliif ergaan Jaalalaa kun labsamuun barbaachise? Namnoonni hundumtuu araara Waaqayyoo argachuun isaaniif gaariidha, barbaachisaadhas. Kana yoo ta’uu baate garuu, dheekkamsa dhufaa jiru jalaa bahuu hin danda’an.  Araara argachuun namoota hundumaaf akka danda’amutti immoo aarsaan cubbuuf kennamu waa’ee namoota hundumaaf baafameera. Kunis du’uu Yasuus Kiristoosiin mul’ifame. Yasuus du’ee gaafa guyyaa sadaffaa du’aa ka’e. Warri  Yasuusitti amananii, karaa isaa dhiifamuu cubbuu isaanii argatan hundi gara dhiphina bara baraa hin dhaqan.

Ergaan nuti labsinus isuma kana. Cubbamootaaf abdiin jireenyaa ni jira. Waaqayyo harka Isaa bal’isee siinis si waamaa jira. Kanaaf ariifadhaa kottaa jechuudhaan waamicha jaalalaa gochuuf jiraanna.

Nu daawwachuu keessaniif galatoomaa. Waamicha Waaqayyoof immoo deebii qajeelaa kennaa jennee jaalalaan isin kadhanna