Mana

Jaallatamoo dawwata, kabajaa fi jaalalaan baga nagana dhuftan jechuun barbaada. Barreffamootaa marsariitii kana irratti dubbiftaniin akka jaalala Waaqayyo dhuunfaatti isiniif qabu akka hubattan/yaadattanii fi ittiin haala isinitti ulfaate kamuu keessaa baatan kadhata koo ti.

Jireenyi keenya nyaataa fi uffata, qarshii fi beekamtii qabnuun kan madaalamu akka hin taane Gooftaan Yasuus dubbatteera. (Luq 12:15) Akka barsiisa Yasuusitti jireenyi namni tokko iddoo ga’ee gammaduuf “Waaqayyo biratti badhaadhaa ” ta’uun ni barbaachisaa (Luq.12:15-21).

Namni tokko immoo kan inni Waaqayyo biratti badhaadhaa ta’uu danda’u yeroo Waaqayyo harkaa waan Inni isaaf kennu fudhatee kan ofii isaatii godhatu dha. Waaqayyos badhaadhummaa nama duraa hin fudhatamne, kan moofa’aa fi gad-dhumaa hin deemne namaaf kenna (1Phex 1:7). Inni Waaqayyo jaalalaa fi arjummaa Isaatiin kennu kun akka namni “amantiitti sooressa” ta’uu fi “mootummaa Isaa isa Inni warra Isa jaallatan abdachiise akka dhaalanf” kan nama godhu dha.(Yaaq 2:5).

Kanaafuu, yeroo barreeffamoonni asi irratti maxxamafanii bahan qopheeffaman, kaayyoo fi kadhatni koo yeroo hundaa badhaadhummaanif argjummaan Waaqayyoo kun dubbiftoota mara akka argatu dha.

Isinis qalbifataan, yaada kadhataa fi fedhii waan Waaqayyo isiniif kenuu fedhu fudhachuu of keessaa qabuun akka dubbifanin kabjaan isin kadhadha.

Waaqayyo lafa onaa keessa karaa baasa.

Dubbiin Waaqayyoo lafa onaa keessatti, kallattii deemsaa namatti agarsisa. Yeroo itti daandiin irra deeman wal nama jalaa makuttis daandii/xurree jireenyaa nama qabsiisa.

Gooftaan Yasuus Mul’ata Yohanniisiif keenne keessatti (3:18-19) yeroo waamicha godhu, “ani immoo akka sooromtuuf warqee qulqulluu ibiddaan ilaalame, qullaa taatee yeella’uun kee akka hin mul’annetti uffata adii, arguu akka dandeessutti qoricha ijatti naqattu ana irraa akka bitattu sin gorsa. Warran jaalladhu hundumaa balleessaa isaanii ittin mul’isa, barsiisuudhaafis nan adaba; ammas dhimmiitii yaada kee geddaradhu” jedha .

Nus har’a wanta gara Gooftaatti nu butuu danda’u, Yesuusiin ala, kan biraa argachuu hin dandeenyu. Sagalee Isaa amannee fudhachuu qofaatu ulfinichatti nu butuu danda’a malee.

Waaqayyo isnii fi turtii nu wajjin qabaattan haa eebbisu.

Takiluu T