Guyyuma guyyaatti wal jajjabeessaa!

“Garuu isin keessaa namni tokko illee gowwoomsaa cubbuutiin mata-jabeessa akka hin taanetti, guyyaan “Har’aa” inni nuyi sagalee Waaqayyoo itti dhageenyu utuu hin darbin, guyyuma guyyaatti wal jajjabeessaa!”
(Ibr 3: 13)

Ergaa warra Ibirootaaf barreeffame kana keessatti waamicha baay’ee barbaachisaa ta’e tokko tu godhamaa jira – wal jajjabeessaa!

Kana jechuun humna, hamilee, ija jabina waliif kennaa akkasumas wal bira dhaabadhaa jechuudha. Kun ser-bu’uuraa walii galaa namoota hundumaaf hojjetu dha. Caayatni ykn hawaasi ykn gartuun ykn dhaabanni tokko itti fufiinsaan guddachuuf, kaayyoo bira ga’uuf, injifannoo barbaachisaa ta’e hunda gonfachuuf walii walii isaa jajjabeessuun baay’ee barbaachisa dha. Kun immoo adeemsa jireenya fi wal’aansoo bifa kamuu qabu keessatti, yeroon cimaan, yeroon sodaa, yeroon itti wantoonni bitaa namatti galan, yeroon duubatti harkifachuu ni jira. Kana qofa otuu hin taane yeroon waan iddoo ga’an namatti fakkaatu illee ni jira.

Yeroowwan kanneen mara keessatti jajjabinni barbaachisaa dha. Kan wal jajjabeessaniif kaayyoo waliin qaban ykn itti waliif galan biraan wal ga’uuf.

Ergaan kanaa olitti dubbifnes akka qajeelummaatti wal jajjabeessinu kan nu gorsu dha.

” Garuu isin keessaa namni tokko illee gowwoomsaa cubbuutiin mata-jabeessa akka hin taanetti… !”(Ibr 3: 13)

Nami sagalee Waaqayyootti yeroo “Mata jabeessa” ta’u, sagalichaaf abboomamuun isa rakkisa. Mata jabinni dhibee guyyuma tokkotti dhufu miti. Adeemsaan kan guddatuu fi hojii baay’ee kan gaafatu dha. Keessaa bahuunis sana caalaatti hojii guddaa gaafata. Akka Ibr 3:13tti, gara boqu-jabinaatti nama fiduuf jecha cubbuun nama sossobba, nama gowwoomsaa, nama hawwatas. Suutumaan gaarii yokiin waan baramaa(normal) yookiin salphaa fakkaatee laphee namaa weeraraa fi jabeessaa adeema. Yeroo jireenyi namaa cubbuu dhaan weeraraa adeemutti, fedhiin qajeelummaa fi sodaan Waaqayyoo nama keessatti dadhabaa adeema. Dheebuun cubbuu jabaachaa, hiddi isaa gad-fagaachaa waan a deemuuf, duuni (Waaqayyoo ttii adda bahuun) dhiiyyaachaa adeema.

Kanaafuu, amantoonni guyyuma guyyaatti yeroo dubbii Waaqayyoo wal yaadachiisaa, kadhatatti, waaqeffannaatti, hojii gaariittis wal cimsaa adeeman sossobbaan cubbuu akka hin injifanne wal gargaara jiru jechuu dha.

Mee gaaffii kana ofiif haa deebifnu. Sibiratti cubbuun akkamitti fudhatamaa jira? Ija Waaqayyootiin yeroo ilaalamu cubbuun salphiffamee miti. Kanaaf, Waaqayyoo tokkicha ilma Isaa hamma aarsaa godhutti cubbuudhaan morme. Ati cubbuutti gaabbitee qalbii ni diddiiirratta moo yookiis salphiftee ilaalaa jirta?

Namni yeroo cubbuu salphisee illaalu, keessa jiraachuun isaa isa hin jibbisiisu. Warra ittiin liqinnfamanii jiran akka irraa deebi’aniif gargaaruunis barbaachisummaan isaa itti hin mul’atu. Yesuus, ‘baduu qaba’ jedhee wanti inni itti gad-of deebisee, dhiigee fi du’e nuuf immoo dhagna ta’ee, tuffachuu dadhabuun rakkoo jabaa dha.

Kana yeroon jedhu cubbuu of irratti arboomsinee haa ilaallu jechuu miti. Dhiigi Yesuus cubbuu hundumatti nu qulleessa. Akka qulloofnuuf garuu xurii jibbuu fi gara waan ittiin dhiqannee qulloofnuutti baqachuu qabna. Warra kaanis gara sanatti jajjabeessuf gaafatamne.

Bareessaan warra Ibirootaas akkas jedha, ” Garuu isin keessaa namni tokko illee gowwoomsaa cubbuutiin mata-jabeessa akka hin taanetti, guyyaan “Har’aa” inni nuyi sagalee Waaqayyoo itti dhageenyu utuu hin darbin, guyyuma guyyaatti wal jajjabeessaa!”(Ibr 3: 13)

Yeroon itti sagaleen Waaqayyoo dhaga’amu nama darba. Kana jechuun, tarii utuu carraan lammataa hin dhufin lafa kana irraa godaanuun ni danda’amma. Tarii immoo sadarkaa itti mata-jabinni namaa dandeetti dhaga’uu namarraa fudhatu illee dhufuu ni dannda’a.

Kanaafuu, “… ‘Har’aa’ inni nuyi sagalee Waaqayyoo itti dhageenyu utuu hin darbin, guyyuma guyyaatti wal jajjabeessaa!”jedha.

Guyyaa guyytti qajeelummaatti wal jajjabeessuun, guyyaa guyyaatti humna cubbuu danquu fi du’a lubbuu diduudha.

Waaqayyoo hunduma keenya haa gargaaru!

Waaqayyoo isin haa eebbisu!

Takiluu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *