Gara Isaa Ilaal

Nama ta’ee lafa kanarra kan jiraatu tokko, yeroo itti gammadu yeroo itti gaddus qaba. Yeroo itti tolu, yeroo itti toluu dhiisus qaba. Kun haaluma jireenya dhala namaa ti.

Haa ta’u iyyuu malee, dhalli namaa kun utuma gammaduus ni hargana, yeroo gaddus hafuura baafachuu hin dhiisu. Yeroo gaddus ta’e yeroo gammadu dhahannaan onnee isaa akka dhaabatu hin barbaadu. Utuma itti hin yaadinii fi itti hin dhiphatin harganuu fi buusaa qaama isaa hundumaa qilleensa qulqulluudhaan eebbisuu hin dhiisu.

Gaafa kun hafe garuu namummaan isaa hafee reeffa ta’eera jechuu dha.

Luqqisii guyyaa har’aa dubbifnu keessatti, Faarfatich,

” Ani yeroo hundumaa maqaa Waaqayyoo nan eebbisa jajuun isaas takkaa afaan koo keessaa hin bu’u.”(Far 34:1) jedha.

Kana jechuun namni kun takkuma illee boo’ee hin beeku, yookiin dadhabee hin beeku jechuu miti.

Garuu yeroo hundumaa Waaqayyoo fi hojii inni hojjetu ilaaluu irraa ija isaa hin jaamfanne jechuudha malee. Namni ilaalu immoo arguu danda’a.

Rakkoo isaaf yeroo iyyatu, oolchuu Waaqayyoo arga. Sodaa qabus yeroo isatti dhiyeeffatu, ittiin booji’amuu irraa hafee of arga, Waaqayyo waan isa oolchuuf.

Namni yeroo waa isa ajaaybsiisu argu waa’ee isaa dubbachuu hin dhiisu. Faarfatichis gara Waaqayyoo ilaalee leeyyoo kan isa oolchu ifaa fi humna Waaqayyoon guutamee of arga.

Numaan iyyuu, “Gara Isaa ilaalaa, fuulli keessan haa ifu! Deebitaniis qaaniidhaan lafa hin ilaaltan’ nuun jedha (lk5).

Yeroo dhiphuun isa weerarutti, gara Waaqayyootti boo’a, Innis boo’icha isaa dhaga’eeti dhiphina isaa keessaa isa baasa.

Kanaafuu, yeroo hundumaa hojii fi gaarumaa Waaqayyoo of duratti ilaalaa, waan isaaf hin ta’iniif abdata, waan isaaf ta’eef immoo galateeffataa adeema.

“Ani yeroo hundumaa maqaa Waaqayyoo nan eebbisa; jajuun isaas takkaa afaan koo keessaa hin bu’u.” jedhee faaruu isaa guungumata.

Atis faarfatichatti dhiyaattee, ‘anoo mee maal godhu?” yoo jetteen akkas siin jedha, “Gara Waaqayyoo ilaali, fuulli kee haa ifu! Deebitees qaaniidhaan lafa hin ilaaltu!”

Waaqayyoo isin haa eebbisu

TAKILUU

2 thoughts on “Gara Isaa Ilaal

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *