Si moo simbirroo?

Gaaffii: Si’i moo simbrootu caala?

simbirroo,biqiltoota,Hin sodaatinaa,
Isin simbirroota irra ni caaltu
Gaaffii kana yeroo dubbistu tarii ‘maal jechuudha? Ana kaa!’, tarii immoo, ‘kun maal qoosa?’ jetta ta’a. Tarii yoo qoosaa jaallata ta’e immoo, ‘simbirroo dha kaa isheenoo baalleedhaan balaliitii!’ jechuun kee hin oolu jedheen yaada.Garuu wal madaalchisuu akkasii kana dursee kan namoota baay’ee isa naanna’anii jiranitti dubbate Gooftaa keenya Yasuus Kiristoos ture. “kanaafis hin sodaatinaa, isinoo simbirroota baay’ee irra guddaa in caaltu!” jedhee (Luq.12:7). Maaliif Yasuus akkasitti namaa fi simbirroo wal bira qabnee akka madaalluuf barbaade?Yeroo baay’ee jireenyi namaa wantoota sodaachisu keessaa tokko wanta isa barbaachisu argachuun wal qabata. Kunis nyaata, uffata, bakka jireenyaa, kkk of keessaa qaba. Isaan kana argachuuf hojjechuu, kuufachuu fi itti fayyadamuu akka inni danda’utti Waaqayyo nama tolche. Haa ta’u iyyuu malee, namni waan hojjechuu danda’uuf, waan kuufachuu danda’uufis Waaqayyoon amanachuu dhiisuun tasumaa isa irra hin jiraatu. Akka barsiisa Macaafa Qulqulluutti, Kan ta’uuf malu, yeroo qabaatu galateeffatee yeroo dhabu immoo Waaqayyoon amanatee fi abdatee jireenya isaa har’aa soda malee itti fufuu dha.Gooftaan Yasuusis, amanachuu dhabuu irraa kan ka’e, sodaan weeraramee jiraachuu dhala namaa ilaalee, akkas jedhe, “Isin simbirroota irra ni caaltu!” Simbirroon jireenyi isaanii guutummaan kan hundaa’u qotuu, aramuu fi kuufachuu irratti miti. Jireenyi isaanii jiraachuu dha. Yeroo nuti ilaallu, fiiggatanii, asiif achii babali’anii of jiraachisu. Gooftaan Yasuus garuu, “Abbaan keessan inni waaqa irraa isaan in soora!” jedha(Mat 6:26). Kun kan agarsiisu, fiiggachuu fi balali’uu danda’uu qofti wabii jireenya isaanii akka hin taanedha, yeroon fiiggachuu fi balali’uun hin danda’amnes jira waan ta’eef. Dhoksaa guddaan garuu, “isaan keessaa tokko iyyuu Waaqayyo duratti kan dagatamu hin jiru” isa Gooftaan jedhu dha.(Luq.12:6).Mee as haa deebinuutii, Gooftaan Yesuus waa’ee simbirrootaa barsiisuu barbaadee utuu hin taane, waa’ee kee fi waa’ee koo warra waan xiqqoonis waan guddaanis sodaannuu fi raafamnuu ilaalchisee dhugaa jiru akka beeknuufi. Yeroo nuti ‘anaan immoo maaliif na dagattee? Maaliif jireenyi koo akkas sodaan doorsifamaa?’ jennee gaafannu, Yasuus, “Isin warra amantiin itti hir’atudha malee!” jedhe nuuf deebisa(Maat.6:30).Egaa amantiin keenya akka guutuuf, yookiin amantii akka qabaanuuf Yasuus dubbii hubachuun isaa baay’ee nama hin dhibne kana akka fakkeenyaatti fudhatee dubbata. Miidhagina biqiltootaa illee itti dabalee. Waaqayyo biqltuu har’a argamtee bor coolligdu, simbirroota gatiin isaanii kan namaatiin wal bira qabamuu hin dandeenye erga “hin dagatu” ta’ee, erga waan isaan barbaachu yeroo isaatti isaaniif kenna ta’ee, nuyi maaliif Waaqayyoon amachuu dhiifnu ree? Maaliif jireenya keenya hamma barruu harka keenyaa goonee ilaalla? Maaliif jireenya keenya hamma hirree keenya, dhaqna keenyas hamma uffata keenyaa goonee ilaallaa?Abbaan kee inni Waaqarraa simbirrootaaf kan eeggatu erga ta’ee siif immoo hammam caalchisee haa eeggatu ree? Waaqayyoon abbaa keenya amanachuu dadhabuun akka waan simbirroo gadi taanee, akka waan immoo biltoota har’a argamanii bor badii gadi taaneetti of lakkaa’uudha. Mee irra deebi’ii gaafii, “si moo simbirrootu caala?” jedhu kana haala si sodaachisu kamuu waliin walitti fidii itti yaadi! Waaqayyo si jaallata, waan si barbaachisu hundumaas akka badhadhummaa arjummaa isaatiitti siif kennuu ni danda’a! Amanachuuf fedhii qabdaa?Waaqayyo isin haa eebbisu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *